Aanaalee Godina Horro Guduruu Wallaggaa hedduu keessatti Finxaaleyyiin Amaaraa uummata nagaa haleeluu itti fufan.
(SQ-Sadaasa 17,2022)
Sadaasa 14, 2022 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee ganda Saggoo iddoo addaa Digaluu fi Haboo jedhamanitti ummata nagaa irratti lolli humna Faannoo, Milishaa Amaaraa fi waraana mootummaa Bilxiginnaan banameen namootni nagaa hedduun akka du’anii fi madaa’an gabaasuun keenya niyaadatama.
Haleellaan uummata nagaa irratti raawwatu kun itti fufuun Sadaasa 15, 2022 ammoo Faannoo fi hidhattootni mootummaa ganda Saggoo jedhamtu weeraruudhaan namoota nagaa hedduu ajjeesanii manneenii fi qabeenya baay’ee ibiddaan barbadeessuun, kaan ammoo saaamaa turuu maddeen SQtti himan.
Ganda kana guutuutti erga hojiin ala godhaniin booda, magaalaa Jaartee kan taate gara Alibootti ce’uudhaan lubbuu namaa hedduu bal’eessan. Manneen hedduu guggubuun alatti qabeenya ummataa saammaniiru.akkasuma Awaash Baankii saamuun mana isaas gubuu odeessi arganne ifa godha.
Kana malees, qabeenya ummataa kan akka doqdoqqee (motor sayikilii), baajaajii, gaarii fi waantota garagaraa heddu saamaniiru, lubbuun namoota dadhaboo ykn jaarsaa fi jaartii mana waliin kan gubate hedduu ta’uu fi horiin kumootaan lakkaawwamanis jarreen kana fudhatamaniiru jedhu maddi keenya.