Waraana ‘isa tokko karaa nagaa isa tokko humnaanin fixa jechuun hin ta’u’ jedhan Dippiloomatii duraanii UN.

Waraana ‘isa tokko karaa nagaa isa tokko humnaanin fixa jechuun hin ta’u’ jedhan Dippiloomatii duraanii UN.

(SQ-Sadaasa 18,2022)

Ogeessa seeraa Idila addunyaa kan ta’an obbo Baayisaa Waaqwayyaa Itoophiyaaf nagaa buusuun kan danda’amu akkama humnoota Tigraay waliin nagaan bu’e Oromiyaa keessattis yoo waliigalteen nagaa raawwate jedhan.

Waraana waliinii biyyoota Baha Awurooppaa qaamaan kan hordofaa turaniifi dippiloomatiin UN duraanii obbo Bayyisaan , humnoota Tigraayiifi mootummaa Itoophiyaa gidduu waraanni waggaa lamaaf gaggeefame marii torbanotaan waliigalteetti dhufamuun akka isaan raaje BBC’tti himaniiru.

Itoophiyaan guutummaatti kan nagaa argattu garuu Oromiyaa keessattis warra hidhannoon lolu wajjin araarri yoo bu’edhaa jedhu.

Rakkoon Oromiyaa keessa jiruuf gaaffiin ka’u waraana Tigraay duras akka tureefi xiyyeeffannoo maluuf akka hin argannee dubbatan.

”Wayitan Itoophiyaa ture namoota alaa dhimma nagaarratti hojjetan waliin dudubachaan ture nama tokko alatti gaaffiin saba oromoo barbaachisaadha furmaata argachuu qaba kan jedhu hin turre” jedhan.

Mootummaan Itoophiyaas akkasuma yaadaa tilmaama jedhu akka qabanis dubbatan.

”Akka ilaallacha kootti lollis diinnis xinnoo hin qabdu. dogoggoraniiru. Oromiyaa keessa nagaafi tasgabbiin hin jiru taanaan Itoophiyaan nagaafi tasgabbii hin qabaattu. Sababni salphaan ammoo waayee uummata biyyattii dhibbeentaa 40 ta’uusaati.”

”Isa tokko karaa nagaa isa tokko humnaanin fixa jechuun hin ta’u” kan jedhan obbo Baayyisaan gaaffiin Oromiyaa keessa jiru hamma isa Kaaba biyyattii keessa jiruu walxaxaa mitii jedhu.

”Barnootni guddaan araara Piritooriyaarraa argannee mariidhaan waraana hiikuun ni danda’ama kan jedhuudha. Taankiin Madfiin nagaa hin fidu marii malee.”

Obbo Baayyisaan qaamoleen wal waraanan maqaa walballeessaa, walxiqqessaafi seexanatti walfakkeessaa wal haadhu jedhanii, qaamni Oromiyaa keessatti hidhannoon lolaa jiru kaayyoo dhaabateef hin qabu jechuun sirrii miti jedhu.

”Kaayyoo malee namni mana isaa dhiisee bosonatti galee hin lolu. Kaayyoo isaanii gaafatanii kaayyoon kun heera biyyaan deebii argachuu danda’aa jettee teessee dubbachuutu sirra jira.”

Mootummaan Oromiyaa keessattis karaa nagaa hidhattoota waliin dubbachuu akka qabu hojiin hojjechaa jiran jiraachuu himaniiru.

Mootummaan Itoophiyaas kanaaf fedha qabaachuu dubbiin paarlaamaa MM Abiy guyyoota dura akka akeeku dubbatan.

MM Abiy akkuma aangootti dhufaniin qaamoleen hidhannoo fi hidhannoo malee biyya keessaa fi alatti socho’an biyyatti galanii karaa nagaa akka socho’an affeeruu hordofee waliigalteewwan ABO waliin godhame ammatti dubbii ijoo miti jedhu obbo Baayisaan.

”Inni amma barbaachisaa miti. Amma waraanni biyya keessa deemaa jira, namni dhumaa jiran, firoonni koo Lixa Oromiyaa keessatti du’aniiru. Magaalaa ani keessatti dhaladhee guddaadhe boonbiin ijoollee bartuu irratti dhoofameera” jedhu.

Mootummaan warra gocha akkanaa raawwatu seeratti dhiyeessaa hin jiru gochi kun dhaabachuu qaba jedhan.

Haalli amma jiru uummata nagaa gaaga’aa waan jiruuf mariidhumatu furmaata fidaa jedhu. Kun ammoo ”amma yoo ta’uu baate waggaa lama sadii yookan shanis booda mariidhumaan dhuma” jedha.

Raakkoo keessoo biyya walabaa tokko keessa qaamni sadaffaa galee araarsuun dhibee hin qabuu kan jedhan obbo Baayyisaan hawaasi idila addunyaa hedduun dhimma kana xiyyeeffannoo dhorkachuu yaadatu.

”Gara caalu garuu qaama afaan walii dubbatu kan keessa walii beekutu walitti dhufee mariin rakkoo furuu qaba” jechuun dhimma hirmaannaa qaama sadaffaa irratti dubbatan.

https://t.me/hordofaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *