Haleellaa humni qilleensaa Bilxiginnaa xiyyaaraan Sadaasa 14-16,b2022 tti Godina Shawaa Lixaa fi Shawaa Kaabaatti raawwateen namoonni nagaa 102 ajjeefamuun, 132 kan ta’an ammoo madaa’aan.
(SQ-Sadaasa 18,2022)
Haleellaa Sadaasa 16, 2022 Godina Shawaa Lixaa aanaa Amboo, Waddeessaatti xiyyaaraa mootummaa Biltsiginnaan fudhatameen namootni 19 yoo ajjeefaman, 24 ammoo madaa’aniiru.
Sadaasa 15, 2022 Godina Shawaa Kaaba aanaa Darraa iddoo addaa Raachoo Barreessaa jedhamutti ummata midhaan haamame tuuluuf guuraa ture irratti haleellaa xiyyaaraa raawwatameen namootni 34 yoo du’an, 41 ol madaa’aniiru.
Sadaasa 14, 2022 haleellaa xjyyaaraa yeroo 3’f Godina Shawaa Lixaa Cobii bakka Addis Katamaa ykn dhaaba doqdoqqeetti geggeesseen namootni nagaa 49 yoo du’an 67 ol madaa’aniiru.
Walumaagalatti haleellaa xayyaaraa guyyoota kana keessatti Shawaa Kaabaa fi Lixaatti mootummaan Biltsiginnaa fudhateen namootni 234 ol miidhamuu oduun boodana argame ifa godhee jira.