Hawaasi Oromoo USA Magaalaa Mineesootaafi Washingtan DC, jiraatan hiriira bahuun haleellaaa xiyyaaraa Oromiyaa keesaatti humna qilleensaa mootummaa Bilxiginnaan raawwachaa jiru balaaleffatan

Hawaasi Oromoo USA Magaalaa Mineesootaafi Washingtan DC, jiraatan hiriira bahuun haleellaaa xiyyaaraa Oromiyaa keesaatti humna qilleensaa mootummaa Bilxiginnaan raawwachaa jiru balaaleffatan.

(SQ-Sadaasa 18,2022)

Hawaasi Oromoo biyya Ameerikaa magaalaa Minisoota jiraatu haleellaa Mootummaan paartii Bilxiginnaa Oromiyaa keessatti raawwachaa jiru balaaleffachuun guyyaa kaleessaa Sadaasa 17, 2022 hiriira guddaa geeggeessaniiru.

Hiriira kana irratti suuralee ajjeecha Oromiyaa keessatti raawwataa jiru ibsan, akkasuma suura namoota nagaa waraana Bilxiginnaan ajjeefamanii qabachuun dhaadannoo dhageesisaa turan.

Warreen wareegaman maqaa waamuun gumaan keessan niba’a, kan jedhan hawaasi Oromoo kun, Abiyii ajjeesadha, Oromoo ajjeesuun haa dhaabbatu, haleellaan qilleensaa Oromoo irratti geeggeefamaa jiru haa dhaabatu jechuun dhaadannoo hedduu dhageesisaa turan.

Kana malees kutaan adda hiree bulchuuf kan yaalaa jiru Abiy Ahimad gonkumaa Oromoo adda hiruu akka hin dandeenyes dubbataniiru. Nuyi warra amantaa yookiin lagaan wal hirus miti jedhan sagalee tokkummaan hiriirtonni.

Mootummaan Ameerikaa sirna abbaa irree kana karaa kamiinuu deeggaruu hin qabu. Mootummaan Itoophiyaa shorkeessadha; dhaabileen mirga namoomaafi dhabbileen kabiroo hedduun waa’ee ilmaan Oromoon dubbachuu qabu jechuun dhaaman.

Lammiileen nagaa jiruuufi jireenya isaanii gaggeeffachuuf qabsoo jireenyatti utuu jiranii badii tokko malee dirooniin dhumaa jiru jedhanii, Yoo Oromiyaa keessa nagaan hin jirre, Itoophiyaa mitii Afrikaa keessattiyuu nagaan hin jiruu jedhan.

Guddisa TPLF kan taate OPDO’n maqaa jijjiirratte ennaa Saba keenya ta’uuf ka’uu dhorkitu Oromoon callisee ilaaluu hin qabu gamtaan falmachuun sirna Nama nyaataa kana ofirraa fonqolchuu qaba, “Abiy must go..” jechuun dhaamsa dabarfatanniru.

Hiriiri walfakkaatu achuma Ameerikaa Washingtan DCttis hawaasa Oromoon geeggeefamu odeeffanneerra.

https://t.me/hordofaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *