Harargee Lixaatti Waraanni Bilxiginnaa manneen namoota 57 gube.
(SQ-Sadaasa 22,2022)
Bahaa Oromiyaa Aanalee akka Ciroo fi Odaa Bultum keessatti Waraanni Bilxiginnaa maqaa WBO waliin hidhata qabdu jedhun manneen namoota 57 olii qabeenya isaan qaban waliin gubun dhaga’ame.
Haaluma kanaan Godina Harargee Lixa Aanaa Ciroo araddaa Ija Faaraa fi araddaa Luugoo Baceessa jedhamu keessatti Sadaasa 16,2022 Waraanni Mootummaa Paartii Bilxiginnaa manneen namoota 32 qabeenya isaan keessa qaban waliin barbaadeessu maddeen SQtti himan.
Haaluma wal fakkaatuun, achuma Harargee Lixa Aanaa Odaa Bultum araddaa Keeysa Saqarigaa fi Obii keessatti Sadaasa 15,2022 manneen namoota 27 gubu odeessi arganne ifa godha.
Aanalee laman keessatti manneen uummata kan guba jiran Poolisii humna adda Oromiyaatti kan jedhan maddeen keenya, adda durummaan kan raawwachiisa jiru ammoo kaadiroota PP naannichatti jedhu.
Guutuu Oromiyaa keessatti waraana PPttin yakki waraana Saba Oromoo fi lammilee Oromiyaa irratti raawwacha jiru jabaate itti fufee jira.