Oromiyaa Bakkoota addaa addaatti waraanni Bilxiginnaa uummata jumlaan hidhuu jabeessee itti fufe.

Oromiyaa Bakkoota addaa addaatti waraanni Bilxiginnaa uummata jumlaan hidhuu jabeessee itti fufe.

(SQ-Mudde 1,2022)

https://t.me/hordofaa

Saba Oromoofi lammilee Oromiyaa ba’uuf galu kan dhorke waraanni mootummaa paartii Bilxiginnaa bakkoota addaa addaatti uummata nagaa jumlaan hidhaa turuufi jiraachuu SQ jala bu’ee gabaasa jira.

Haala kanaan Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ilfataa Magaalaa Bakkee jedhamu keessatti waraanni PP maqaa nageenya eeguu jedhuun magaalattiitti bobba’an badii tokko malee uummata jumlaan hidhaa jiraachuu maddeen nuuf himan.

Akka maddeen keenya jedhanitti magaalaa Bakkee keessatti qofa namoonni 350 ol hidhamnii jiru jedhu, kanneen keessa kan maqaan isaanii nuqaqqabe.
Obbo Zarihuun Badhaasaa Manguddoo
Obbo Jamamaa Tankaraa
Obbo Kabbabaa Baqqalaa
Obbo Abarraa Maammoo maanguddoo umrii 53, Obbo Jaatamaa Qumbii manguddoo umurii 65 kanneen jedhaman kan maqaan isaanii nuqaqqabe yoo ta’u namooti 350 olta’an hidhamanii jiru jedhu namoonni hidhaman kunneen erga qabamanii ji’a lama ol kan ta’an yoo ta’u hanga nutti oduu kana qindeessinetti mana murtiittis hin dhiyaanne jedhu.

Haaluma walfakkaatun Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyoo ganda Abbichuu Shogoo jedhamutti sadaasa 27,2022 Waraanni PP obbola lama Indaaluu Naggaasaa fi Shamarre Algaa’ee Naggaasaa jedhaman Obboleessa keessantu Waraana keenya keessaa badee jechuun qabanii hidhuun dararaa jiraachuu maddeen nuuf himan. Kana malees mana fi qabeenya Obbo Naggaasaa abbaa ijoollee hidhamnii jala barbaadeessuu odeessi arganne ifa godha

Oduma walfakkaatuun waraanni Bilxiginnaa uummata Oromoo naannoo daangaa Mootummaa Beniishangul Gumuz irra jiraatan jumlaan hidhatti guuraa jira jedhu maddee SQ.

Uummanni naannoo daangaa Oromiyaa gandoota akka Guunfii, Amuuma, Waachuu, Jimaatee, Mukarbaafi daangaa Beneeshangul Gumuz keessa ganda Badeessa jedhamu keessa jiraatan Sadaasa 17,2022 irra eegaluun rakkoo hamaa keessa jiru kan jedhan maddeen keenya sababa isaan Oromoo ta’an qofaaf adda baasanii hidhun dararaa jiru jedhu.

Naannichatti namoonni heddun gaaffi tokko malee hidhama kan jiran yoo ta’u isaan keessa kan maqaa isaanii arganne.
Abbabaa Darajjee,
Ayyalaa Qajeelaa,
Jabanaa Namarraa
Habtaamuu Jabanaa
Indaaluu Ittaanaa,
Addunyaa Miijanaa
Maatiyoos Kabbadaa
Maatiyoos Iyyaasuu
Yoonaas Iyyaasuu
Waaqjirraa Qusataa
Alamuu Shuummataa
Kifilee Dirribaa
Malaakuu Abarraa
Tamasgeen Taaddasaa
Dabalii Jabaanaa kanneen jedhaman kan maqaan isaanii nuqaqqabe yoo ta’u kanneen hidhamanii jiran garuu dhiibootan kan lakkawaamanidha jedhu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *