#Naqamtee
Humni waraanaa bilxiginnaa barattoota karaa nagaa sagalee isaanii ummata Oromoo mormi irraa citeef dhageesisaa jiran irratti reebicha hamaa qaqqabsiisaa jira.
Akka maddeen Sagalee Qeerroo magaalaa Naqamtee jedhanitti guyyaa har’aa Mudde 9/2022 Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa Dargee fi Qophaayinaatti hiriirri mormii guyyaa 4ffaaf karaa naga aosoo barattootaan gaggeeffamaa jiru humni waraanaa pp tarkaanfii barattoota qalamaa fi barruulee qabatanii ummata isaanii dhumataa jiruuf sagalee dhageesisan irratti fudhateen sirni baruu fi barsiisuu guutummaatti adda cite jira.
Murni ppn durfamu Oromoo Morma cituun sirriidha jechuun barattoota hiriira mormii gaggeessan hedduu hidhaatti darbachaa fi reebichaan miidhaa cimaa qaqqabsiisaa jira.
Sirni baruu fi barsiisuu Oromiyaa keessatti yuuniversiitiilee dabalatee addaan citee barattootni qabsoo sirna abbaa biyyummaa mirkaneessutti gochaa jiraachuunis beekameera.
Godiina horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raaree Gooban keessatti barattoota Oromoo hiriirri mormii sirna balaaleffanna PP kan gaggeeffamaa jiru yoo tahu hiriira kana irrattis faajjii isaanii qabatanii hiriira bahanii jiru.
#Adaamaa
Yuuniversiitiin Adaamaa har’as akkuma kaleessaa mormii isaa dhageesisaa jira.
Barattootni yuuniversiitii Adaamaa osoo Oromoon qe’ee isaa irratti ajjee***muu nyaatni nuyi nyaatnu hin jiru jechuun lagannaa nyaataa taasisuu itti fufanii barnootas addaan muranii jiru.
#Walisoo
Waamicha dhaabbileen siyaasaa ABO fi KFOn ummatni Oromoo of baraaruuf of irraa ittisuu qaba jedhanii labsan hordofee mormiin barattootaa guyyaa har’aas itti fufee jira.
Walisoon har’as guyyaa 3ffaaf mormii barattootaa keessummeessaa jirti.
qabsoon hanga biyya ofiin bulchan hundeeffatamutti itti fufa.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaan Saqalaatti barattootni Mana baranootaa sad. 2ffaa sagalee mormii dhageessisaa jiru .
#Shaambuu
Barattoonni mana barumsaa hiriira bahanii ummata isaanii dhuma ajiruuf sagalee tahaa jiran irratti waraanni murna ppn durfamu barattoota muraasa dirqamaan akka isaan barataniif
dareetti deebisanii ukkaamsuun barattoota hedduu qabanii bakka geessan hin beekamne.
Morma keenya Oromummaa keenyaaf jechuun hiriirri mormii guutuu Oromiyaa keessatti eegale gara fincilaatti jijjiiramuun yeroo ammaa daandiiwwan gurguddaa dabalatee sochiileen buโaa ugguramaa jiru.
#Hawaasaa
Barattootni yuuniversiitii Hawaasaa har’as akkuma kaleessaa lagannaa nyaataa gaggeessaa jiru.
Lagannaan nyaataa yuuniversitiilee keessatti akkuma itti fufetti jira.