ABO fi KFO dabalatee Paartileen Siyaasaa 5 yeroo ji’a tokko hin caalle keessatti yaa’ii waliigalaa akka taa’aniif murtoo Boordiin Filannoo Biyyoolessaa dabarse paartileen morman.
(SQ-Gurraandhala 19,2022)
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, rakkoofi danqaa paartiileen moorkattootaa keessa turaniifi jiran utuu beekuu, ji’a tokko keessatti kora sabaa akka taa’aniif ajajuunsaa kan sirrii hin taaneefi ta’e jedhamee itti yaadamuun shira hojjetamaa jirudha jennee hubannaa jedhu qondaalotni KFO fi ABO.
Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa ibsa Guraandhala 15, 2022 baaseen, paartiileen moorkattoota siyaasaa Kora Sabaa /kora waliigalaa/ hin adeemsisin jiran, yeroo ji’a tokko hin caalle gidduutti, kora sabaa akka adeemsisan jechuun, daangaa yeroofi akeekkachiisa waliin ibsee ture. Boordichi maqaa dhaabbilee moorkattoota siyaasaa Kora Sabaa geggeessuu qabu jechuun tarreesse keessaatti, paartilee siyaasaa Oromoo gurguddoo lama KFO fi ABO eereera.
Dhimma kana ilaalchisuun yeroo jedhame keessatti paartileen siyaasaa kunniin kora sabaa taa’uun Boordicha beeksisuu qabu kan jedhu ibsi Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa baase kun, yeroo ji’a tokko hin caalle keessatti akka raawwatamu ajaja.
Ajaja Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kana ilaalchisuun qondaalonni Paartilee Siyaasa Koongireensii Federaalaa Oromoofi Adda Biliisummaa Oromoo “Kora sabaa geggeessuuf haalli anja’aa miti” jechuun yaada isaanii ibsataniiru.
Miseensa koree hoji raawwachiiftuufi Itti Aanaa Liigii Dargaggoota KFO kan ta’an Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo akka himanitti, “ajajni boordii biyyaalessaa kun haalota qabatamoo biyyattii keessa turaniifi dhaabbileen moorkattoota siyaasaa keessa jiran kan giddu galeeffate miti” jedhan.
Akka Obbo Gurmeessaan jedhanitti, miseensonniifi qondaalonni KFO hedduun mana hidhaa kan jiran yoo ta’an, gariin ammoo sababa labsii yeroo muddamaafi rakkoo bulchiinsa gaariitiin baqaaf saaxilamaniiru. Hooggantoonni paartii KFO mana hidhaarraa hiikamuun isaanii dhihoo ta’uu yaadachiisuun, haalli siyaasa biyyattii waggoota lamaan darban irraa eegaluun jirus, paartiin isaanii KFO’n tasgabbaa’ee kora sabaa akka geggeessuuf hin hayyamu jedhan.
KFO’n durumayyuu bara kanatti Kora Sabaa adeemsifachuuf yaada qabaachuu kan himan Obbo Gurmeessaan, “kun ta’uu kan danda’u garuu, qaamoleen kora taa’an walabummaa yoo qabaatan qofa” jechuun, qondaalonni waajjiraalee godinaafi aanaalee hedduun hidhaa jiraachuu yaadachiisu.
Waluma galatti paartiin Koongireensii Federaalawaa Oromoo, ibsa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa akka hin fudhanne kan himan Obbo Gurmeessaan, ji’a tokko keessatti kora sabaa taa’uu dursa, haal-dureewwan karaa mootummaafi boordichaa mijachuu qaban irratti yaada boordii filannoo beekuutu dursa ture jechuun murticha morman.
Gama biraatiin Ethiopia Insider akka gabaasetti, Adda Biliisummaa Oromoo dabalatee paartileen kora sabaa akka taa’aniif ajajni itti ba’e shan, walga’ii Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Gurraandhala 10, 2014 paartilee siyaasaa waliin taasise irratti ibsa Boordichaa balaaleffataniiru.
“Yeroo jedhame keessatti Kora Sabaa geggeessuudhaaf, haalli anja’aa ta’e hin jiru” jechuun, KFO, ABO, Paartii Diimokiraatawaa Tigiraay, Paartiin Haqaafi Diimokiraasii Uummata Affaar fi Paartiin Diimokiraatawaa Gaamoo walga’ii boordii filannoo irratti mormii dhageessisaniiru jechuun gabaaseera.
Maddi OMN