Miseensonni ABO Buleeyyiin durii Waraanni Waggaa 4f Oromiyaa irratti deemaa jiru gaaga’ama cimaa Oromoo irran ga’aa jira jedhan.
(SQ-Amajjii 5,2022)
Miseensotni ABO buleeyyiin durii waraana Oromiyaa keessatti gaggeefamaa Jiru ilaalchisuun ibsa baasaniin, waraanni Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru osoo sagalee Oromoo gahaa hin argatin, osoo addunyaan hin beekiin, waggaa afraffaa keessa jira jedhan.
Dura Oromoo kallattin mirga isaa gaafachaa jiru yoo jilbeeffachifne kan biraa salphaa dha akeeka jedhuun Oromiyaafi Oromoo irratti waraanni banameera jedhan.
Waraanni kun bal’inaa fi gosoota meeshaa waraanaatiin of jijjiree amma gara duguuggaa sanyiitti cehuun ummata lafa irraa dhabamsiisaa akka jiru eeraniiru.
Miseensonni ABO buleeyyiin durii ibsa isaanii kana keessatti waa’ee waraana Oromiyaa keessaa fi miidhaa mootummaan ummata nagayaarraan gahe, haala waliigala Oromoon keessa jiru ibsuun ibsa ijjannoo isaanii qabxii 8 qabu baafataniiru.
Ibsa ijjannoo kanaanis gocha sukkaneessaa fi sanyii duguuggaa mootummaan Federalaa, humnoota biraa dabalatee ummata Oromoo irratti gaggeessa jiru ni balaaleffanna, mootummaan gochaa kana akka dhaabu gaafanna jedhan.
Ummatni Oromoo saboota ykn ummatoota ollaa isaa jiran wajjiin rakkoo addaa hin qabu kan jedhu ibsichi, gochaa hammaataan fiinxaleeyyiin Amaaraa fi faannoon daangaa Oromiyaa seenuun raawwataa jiran ibidda hin dhaamne Gaanfa Afriikaatti qabsiisuu waan danda’uuf akka irraa dhaabbatan yaadachiifna jedhan.
Karoorri paartiin biltsiginnaa itti jiru akkasumas faannoo fi fiinxaleeyyii Amaaraa tumsan, naannoo nagaa dhorkachuu duwwaa utuu hin taane, mirga sabootaa kan ukkamsuu waan ta’eef kun ammoo diigumsa dhuma hin qabne kan fidu akka ta’e ibsan.
Gochaan rogeeyyii, hogganooti siyaasaa, abbootiin qabeenyaa Amaaraa Faannoo bobbaasuun itti jiran ummata Amaaraa fi Oromoo gidduutti madaa hin fayyine uumu waan ta’eef akka irraa of qusatan dhaamna jedhan.
Gochaan har’a ummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru, bor saboota cunqurfamoo irratti raawwachuu jira waan ta’eef, sabooti cunqurfamoon akka ummata Oromoo bira dhaabbatanii gochaa hammeenyaa kana balaaleffattan jechuunis gaafataniiti jiru.
Gochaan hammeenyaa raawwatamaa jiru Oromoo kan hamilee kutachiisuu utuu hin taane daran kan onnechiisu akka ta’es ibsaniiti jiru.
Uummanni Oromoo aggaammii akka sabaatti itti dhufe kana tokkummaan akka ofirraa ittisus miseensonni buleeyyiin duraanii ABO dhaamasa dabarsaniiru.
Waraanichi xiyyeeffannaa addunyaa, dhaabilee mirga namaaf falman akkasuma qaama dhimmi ilaallatu maraa akka argatuu fi furmaanni akka dhufu gaafataniiru ibsa isaanii kanaan