Diinummaa Maahibara Qiddusaanii Uummata Oromoof Qabu(Dn Fayyeeraatiin)

Diinummaa Maahibara Qiddusaanii Uummata Oromoof Qabu

Amajji 28/2023

Wadaan Maahibara Qiddusaanii jedhamu asxaa isaa erbee abaarsaa baandiraa sirna garboomfataa kan godhate, miira finxaaeyyummaatiin jibbiinsa uummata Oromootiin kan guutame xiinsammuu fi mirga uummata Oromoo sarbuu erga eegalee oolee bubbueera.
**
Mormiin inni ijjannoon Mana ubummaa Oromiyaa irratti taasisaa turee fi amma immoo sinoodoosii Oromoo cimsee balaaleffatuu fi ergama fudhachuun gama miidiyaa isaa fi miseensa isaatiin jeequmsa uummata Oromoo irratti banuuf deemu diinummaa Waldaan kun uummata Oromoo irraa qabu ifatti kan saaxilee fi Oromiyaa keessaa hidda ofii buqqifachuuf kan inni itti of qopheesse ta’uu kan mul’isee dha.
*****
Jibbiinsa uummata Oromoof qabu irraa kan ka’es Waldaalee afuurawoo ijooleen Oromoo Ortodoksii hundeessan hunda kan balaaleffatuu fi moggaasa maqaa Afangaacii fi Qiyyumaan jedhu moggaasuun leenjii qopheessuun maqaa xureessaa tureera.
****
Garuu impaayerri waldaa Maahibara Qiddusaanii kun bara 2004 yeroo Waldaan Duuka bu’ootaa irraa foxxoqu Oromiyaa keessatti burkutaawuu kan eegale yoo ta’u, bara 2009 yeroo Wadaan Afuurawaa Barattoota Oromoo Ortodoksii Gibbii Gubaa’ee isaanii irraa shira isaanii beekanii diddaan dhiisanii bahan hamileen isaa cabeera.
****
Waldaan kun mana kiristaanaa koloneeffachuuf akka ture, eebbifamoo abbaan Maatiyaas Waldaa maallaqa mana kiristaanaan garbummaaf nu bite jechuun jechuun iyyata isaanii sinoodoosiif dhiyeessaa turanis achi keessa nama bitatee galfate Waan qabuuf namni furmaata itti kenne hin jiru.
*****
Mootummaan qaama kana finxaalessa ta’uu isaa beekus, waajjira mootummaa keessa nama ruuqqatee waan tureef furmaanni waarawaan dhufuu hin dandeenye. Biyya lallaba Buunnoo Baddalleetti Waldaan kun uummata Oromootiin Sagaaturaa jechuun, siyaasa keessa lixuudhaanis, Muutummaan meeshaalee waraanaa gurguddoo kan ittiin manni kiristaanaa barbadooftu fe’ee galchaa jira jechuun uummata leenjisaa akka ture ragaa qabatamaa harkaa qabna.
****
Biyya lalaba Jimmaattis, ergama paartii ABIN fudhatee leenjii mana kiristaanaa keessatti ture irratti, Amaarri tokko Oromoo shan ajjeesuu dandeessi jechuun bara 2011 dubbii dubbatame irratti qaamni mootummaa dhimmicha qabachuun itti gaafatamaan Waldichaa hanga har’aatti biyya Lallaba Jimmaatii baduun maatii isaa waliin eessa buuteen isaa dhabame.
*****
Biyya lallaba Iluu Abbaa Boorittis caasaalee xixiqqoo ijaaruun, ijoollee Oromoo maqaa xureessuun, hanga namoota biyya lallabaa gaggeessan doorsisuu fi maqaa balleessuutti Waldaa deemaa jiru ta’uu beektanii ijoolleen Oromoo waldaan kun bu’aa uummata Oromoo kan mormuu fi siyaasa Oromoo waliin hin deemne hanga aasxaa isaatiin calaqqisiisuttii fi ifa baasee sinoodoosii Oromiyaa fi sabaa fi sablammootaa kan mormu ta’uu isaa beekuun akka irraa of qusattanii fi akka warraaqsi bilisummaa mana kiristaana Ortodoksii Oromiyaa hin milkoofneef waldichi gufuu ta’uu waan maluuf miseensota isaa irratti xiyyeeffannoo kennuun sochii nisaanii qaama mana kiristaanaa naannoo keessan jiruu fi qaama mootummaatiif dabarsitanii akka kennitan ibsuun barbaada

Daaqon Fayyeeraa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *