Humni tikaa PP weellisaa Falmataa Kabbadaafi Weellisftoota biroo lama hidhun dhaga’ame.
(SQ-Guraandhala 2,2023)
Guyyaa kaleessa jecbuun Guraandhala 2,2023 Aartist Falmataa Kabbadaa Magarsaa magaalaa Finfinnee keessatti humna poolisii finfinneen bakka Abbaadoo Koondominiyeem jedhamutti, hidhamee jirachuu maddeen SQtti himan. Weellisaa Falmataan yeroo adda addatti humnoota PP’n qabame hidhama turuun niyaadatama.
Oduma walfakkaatun Kutaa Finfinnee Sulultaa tti galgala har’a Sa’aa 12:00 irratti Weellisaa Nimoonaa Dachaasaafi Fiqiruu Bojaa Mana nyaataatii Humni Badii Pp Ukkaamse.
Sirni Bilxiginnaa qaroo Oromoo kan ta’an hidhu jabeesse itti fufee jira.