Habashaan kan bo’aa jiraniif, maqaa amantiitiin saamicha raawwatan waan duraa cufameefi

“Ijoolleekoo, eenyumaanuu sababa sabummaafi afaan inni dubbatuutiin hin jibbiinaa; hin garboomfatinaas. Nutis jibbamuufi garboomuu jibbineetu qabsa’aa jirra. Waan jibbine ammoo nama biroo irratti hin goonu.

Kan gochaa jirru mirga keenya. Mirga keenya ammoo wareegamaanuu ni kabachiifna. Abboonni keenya garraamummaa malee dabeechummaa nun barsiisne.

Jarri kan bo’aa jiraniif, maqaa amantiitiin saamicha raawwatan waan duraa cufameefi. Akka kana duraatti aannaniifi cooma nurraa guuraa, nu tuffachuu waan hin dandeenyeefi.

Mammaaksa tokkon isinitti hima. Mucaatu abbaa isaatiin, “Aabbaa Bishaanni kun maalif iyyaa?” Jedhee gaafannaan, Abbaan ammoo “Yaa ilmakoo bishaanni jiruusaatti jira. Kan iyyu dhagaa isa keecha jirudha” jedhee deebiseef.

‘Maalif yeroo isin garboomfannu, yeroo afaan keechan ajjeesnu, yeroo isin balleechinu falmattuu, maalif cal hin jettanii’ jechaa jiru. Kana booda akki durii hin jiru. Jabaadhaa; afaan keechaniin Waaqa keechan kadhadhaa, tajaajilamaa!”

Abbaa Ewusxaatewoos (PHD)

Gooticha Oromoo iji akka abiddaa boba’u. Waaqayyo lubbuu keessan haa dheeressu. Fuuncaa garbummaa Oromiyaattii xaxame hiikaa jirtu. Isin cinaa jirra.
Lalisaa Indiris Adam tu barreeffamatti jijjiire!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *