Yuuniversiitii Asoosaa keessatti Barattootni Oromoo Sinodosii Oromiyaa haaraa deeggaruun hiriira bahan

Mooraa Yuunivarsiitii Asoosaa keessatti deeggarsi sinodosii Oromiyaa fi sabaaf sablammoota oromiyaaf barattoota Oromoon geggeeffame.

 

Gurraandhala 8, 2023 Sirna Habashoota durii  ijaaruuf amantii da’oo godhatanii  kan dhamaa’an leelliistootni sirna Minilik qabeenya uummaata Oromoo jaarraa oliif saamaa turan akkasumas aadaa, afaanii fi eenyummaa saba Oromoo hacucaan itti fufsiisuuf Oromoonni amantoota kiristaanaa Ortoodoksii sinoodosii afaan isaaniin hojjetu yeroo dhaabbatanitti inaaffaan mormii uffata gurraachaa waamuun gadi ba’anii jiru.

 

Amantaa fakkeessuun impaayera Itoophiyaa  tiksuu irratti hojjechaa kan jiran  finxaaleyyiin yeroo itti Oromoon ni ga’a jedhetti biyya  fi amantii diiguu dha jechuun impaayerattii keessaa hanga alaatti mormii dhageessisaa jiru.

 

 

Haaluma kanaan barattootni Yuunivarsiitii Asoosaa  kaleessa Guraandhala 7 ,2023 dhaadhannoo Oromoon Mirga afaansaatiin dubbachuu fi kadhachuu qaba jedhuun huccuu adii uffachuun mooraa Yuunivarsiitii Asoosaa keessatti mormii farra finxaaleyyii faallessuun Adii uffachuun gammachuu isaanii ibsataa laaqana nyaataniiru.

 

Mormii finxaaleyyiin Amaaraa maqaa Ortodoksiitu tuqameen uffatni gurraachi akka uffatamu  labsaniin magaalota,manneen hojii fi dhaabbilee barnootaa keessatti geggeessaa kan jiran yoo ta’u, barattootni Oromoo faallaa kanaa dhaabbachuun uffata adii uffatanii phaaphasota haaraa mudaman bira dhaabbachuu fi hojii eenyummaa Oromoo kabachiisu irratti daran akka hirmaatan barattootni Oromoo yuuniversitii Asoosaa hiriira deeggarsaaa ba’aniin agarsiisanii jiru.

 

Hiriirri kun dhaadannoolee Oromummaa jabeessuu dhageessisuun fuuldurattis warreen jibbiinsa Oromummaa qabanii fi sirna Oromoo cabsuuf hojjechaa jiru irratti jabaatanii akka qabsaa’an  ibsaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *