[ Album ]
Hogganoonni ABO mana hidhaa jiran uummata Booranaaf maallaqa gumaachan.
Mana hidhaa magaalaa Buraayyuu kan jiran hogganoonni ABO uummata Booranaa sababa hongeetiin beelaan miidhamaniif gumaacha maallaqaa taasisaniiru.
Waggoota sadii mana hidhaa keessa kan turaniifi jiran hogganoonni ABO maallaqa: firri, maatiifi jaallan qabsoo isaanii mana hidhaatti isaaniif kennan irraa walitti qabuun qarshii 10,450 uummata Booranaaf gumaacha taasisanii jiru. Maallaqa kanas lakkoofsa herregaa Dhaabbata Gargaarsa Oromoo (ORA) irratti galii taasisanii jiru.
Hogganoonni kunniin:
1. Jaal Mikaa’el Booran
2. Jaal Abdii Raggaasaa
3. Jaal Kennasaa Ayyaanaa
4. Jaal Lammii Beenyaa
5. Jaal Daawwit Abdataa
6. Jaal Gadaa Gabbisaafi
7. Dr. Gadaa Oljirraadha.