Humnootiin Tikaa Itiyoophiyaa president Somaaliyaa akka walgahii Gamtaa Afrikaa hin seenne ugguran

”Humni nageenyaa Itoophiyaa galma wal-gahii Gamtaa Afrikaa akka hin seennef na dhorkuuf yaalaniiru” jedhan Pirezidaantin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad.

‘’Ganama kana yeroon wal gahii cufaatti gaggeefamu hirmaachuuf qophaa’ee bahu, humnootni nageenyaa Itoophiyaa na danqanii akka hoteelakoo hin baane na ittisan jechuun himatan.

Dhumarratti konkolaataa pirezidaantii biraan as dhufe. Ammas yeroo as dhufnu [Galma Gamtaa Afrikaa] ammas nu ittisan. Loltootni qawwee qabatan fuuldura keenya dhaabbatan,” jechuun gaazexessitotatti himan.

Wal gahii Gmataa Afrikaa kana dursuun Somaaliyaan gamtichii fi UN dhimma wlaiigaltee Itoophiyaa fi Somaaliilaandi irratti ejjennoo ifa tahe qabachuun naaf ilaaluu qabu jechuun iyyattee ture.

Ibsa Preesii Mootummaa Soomaaliyaa Moqaadishoo jiru baase Rippabilikni Federaalaa Somaaliyaa yaalii kaka’umsaa mootummaan Itoophiyaa jilli Pireezidaantii Somaaliyaa Yaa’ii Gamtaa Afrikaa bara 2024 Finfinneetti gaggeeffamu irratti akka hin hirmaanne gufachiisuuf godhe cimsitee balaaleffatti.

Tarkaanfiin kun pirootokoolota dippilomaasii fi idil-addunyaa hunda kan cabsu yoo ta’u, hunda caalaa ammoo duudhaa Gamtaa Afrikaa hundeeffameef kan cabsudha jedheera.

 

Tarkaanfii hin malle Itoophiyaan fudhachaa jirtu yoo balaaleffannu, Gamtaan Afrikaa gocha aarii guddaa kana irratti pirootokoolii gamtichaa waliin walsimuun qorannoo amanamaa fi walaba ta’e hatattamaan akka gaggeessus waamicha dhiheessina jechuun Mootummaan Soomaaliyaa karaa Ministeera Haajaa Alaa ishee beeksisteetti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *