Pireezidantiin Somaaliyaa yaa’ii AU addaan kutanii gara Moqdishootti deebi’u in beekame.
Pirezidantiin Somaaliyaa humnoonni nageenyaa mootummaa Itoophiyaa walgahii Gamtaa Afriikaa – AU irratti akka hin hirmaanne ”na dhorkuuf yaalan” jechuun turtii isaanii Finfinnee addaan kutuun gara Somaaliyaatti deebi’uun gabaafame.
Dhaabbanni oduu Turkii Anadoluun akka gabaasetti, pirezidantichi walgahii Gamtichaa guyyoota lamaaf gaggeeffamee Dilbata kora xumuramuu addaan kutuun Sambata halkan gara Moqdishootti deebi’an.
Taatee Pirezedantiin Somaaliyaa na mudate jedhan kana hordofuun, Waajjirri Dhimma Alaa biyyattii haalli kun seera dippilomaasii fi idil-addunyaa kan cabsu ta’uu ibsuun, Gamtaan Afrikaa qorannoo walabaa akka gaggeessuu fi haala biyyaa teessoo muummee Gamtichaa xiinxaluu qaba jedhe.