Guyyaa Dubartootaa March 8 ilaalchisee Ijoo Dubbii ABO

Bitootessa 8 Guyyaa Dubartootaa Ilaalchisee – Ijoo Dubbii ABO
Har’i Bitootessa 8 (March 8 Guyyaa Dubartoota Addunyaa ti. Dubartoonni jireenya dhala namaa kamiifuu bu’uura dha. Jiruu fi jireenya dhala namaa keessatti dubartoonni waan hunda dha. Dubartoonni ilmoo da’anii guddisuu fi hojii mana keessaa qofaaf akka uumamanitti dogoggoraan ilaalamaa turuun ni beekama. Kun ammoo dogoggora seenaa fi seeraa ti. Dubartoonni biyya ijaaruu, sochii siyaasaa, hawaasummaa fi hawaas-dinagdee, akkasumas biyya bulchuu keessatti gahee olaanoo qabu. Addunyaa kana irrattis dubartoonni dhiibbaa guddaa uumuu fi jijjiirama cimaa fiduu kan danda’anii dha.
Ummanni Oromoo aadaadhaan dubartootaaf kabajaa fi bakka olaanaa qaba. Sirna Gadaa keessatti dubartoonni hirmaannaa guddaa qabu. Siinqee qabatanii dhiirota lolaa fi biyya isaanii akka eegan eebbisanii bobbaasu. Yoo daangaan cabee fi diinni qe’ee Oromoo seenes dursa kan ummata dammaqsu dubartoota dha. Namoota ykn garee wal lolan gidduu galanii nagaa buusuunis gahee dubartootaa ti.
Akkasumallee, dubartoonni Oromoo, Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti gahee olaanaa qabu. Akka ormi jedhu, dubartoonni kan goota da’anii fi goota eebbisanii lolatti ergan qofa osoo hin taane, dubartoonni Oromoo gootummaadhaan lolanii lolchiisanii gootummaa isaanii firaa fi diinatti agarsiisaniiru.
Adda Bilisummaa Oromoo keessatti dubartoonni Oromoo aarsaa qaqqaalii kaffaluun mirga abbaa biyyummaa Oromootiif falman hedduu dha. Lubbuu isaanii jijjiirraa hin qabne wareeguu irraa hanga qaamaa itti hir’achuu, achi buuteen dhabamuu, hidhamuu, reebamuu fi dararamuutti kanneen aarsaa kaffalan maqaan isaanii kan himamee dhumu miti. Warra diina kuffiisanii kufan kan akka Kuulanii Baarentoo faa, kanneen miila itti dhaban kan akka Lalisee Roobaa faa urjiiwwan qabsaawota dubartoota Oromoo ti.
Aslii Mohaammad (Aslii Oromoo) dubartii yeroo jalqabaatiif akka Afrikaatti murtiin du’aa itti muramee dha. Urjii Dhaabaa fi Raggaatuu Roobaa faa dubartoota aarsaa guddaa kaffalanii Qabsoo Bilisummaa Oromoo hangaasaa turanii dha. Aloo Daawwee, Maaramee Harqaa, Hangaatuu Baalchaa, Zeenuu Mokonninii fi Ilfinash Qannoo faa walleedhaan ummata dadammaaqsuu bira dabranii aarsaa ulfaataa kaffalanii warra qabsoo finiinsuu keessatti qoodni isaanii akkaan guddaa ti.
Alfiyaa Yuusuf (Hangaatuu Maayaa) Wayyaaneedhaan butamtee achi buuteen ishee dhabamee hafe. Ayishaa Alii, Dirribee Jifaar, Tigisti Maammoo, Geexee Tafarii faa ammoo dubartoota qabsoo warraaqsa ummata finiinsanii daandii qabsoo irratti lubbuu isaanii wareega baasan hedduu keessaa isaan tokko. Kunneen akka fakkeenyaatti maqaa haa dha’aman malee, dubartoonni Oromoo qabsoo keessatti aarsaa kaffalanii fi wareega lubbuu baasan kan maqaadhaan tarreessanii fixan miti.
Dubartoonni Oromoo qabsoo Oromoon mirga abbaa biyyummaa isaa kabachiifachuuf godhu keessatti dur irraa hanga har’aatti akka lafee dugdaatti kan utubanii dha. Har’as shamarran/haawwan Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti wareegama ulfaataa hanga lubbuutti baasaa jiran. Kanneen mana hidhaa keessatti dararamaa turanii fi jiranis hedduu dha. Haadholiin Oromoo daa’ima xixiqqoo waliin hidhamanii mana hidhaa keessatti hiraarfamuun har’as irraa hin dhaabbatne. Dubartoonni ulfaa hidhamanii mana hidhaa keessatti da’an illee ni jiru. Mucaa garaatti baatanii haala suukanneessaadhaan ajjeesamuunis isaan mudateera.
Kanaan alatti kanneen biyya isaanii keessatti gaaga’ama nam-tolcheen qe’ee irraa buqqanii dirreetti hafuudhaan miidhama olaanaadhaaf saaxilamanii dhiphina dabarsaa jiran kumoota hedduu dha. Kanneen osoo biyya isaanii keessa jiraatuun maluufii mirga sanaa dhabanii fi rakkinoota adda addaan biyyoota alagaa garagaraa keessa baqattummaan gidiraa jiranis akkasuma lakkoobsaan guddaa dha.
Kanas ta’e sana, qoodi dubartoonni jireenya hawaasaa akkasumas qabsoo biyyaa fi saba isaanii keessatti qaban guyyaa mara, yeroo hunda kan yaadatamu tahu illee, addatti guyyaan dubartootaa sadarkaa idil addunyaatti waggaatti yeroo tokko kabajama. Kanaafuu Bitootessi 8 (March 8 Guyyaan Dubartootaa yommuu kabajamu kanatti ga’ee dubartoonni Oromoo qabsoo Oromoo keessatti qaban yaadachuu fi aarsaa isaan har’a illee kaffalaa jiran hubachuudhaan mirgi isaanii akka kabajamuuf qabsaa’uun barbaachisaa dha.
Addi Bilisummaa Oromoo dubartoota Oromoo maraan baga guyyaa kanaan isin gahe jechaa, dubartoonnii fi shamarran Oromoo har’as sababa eenyummaa isaaniitiin cunqurfamaa fi hidhaan dararaman akka mirgi namummaa fi mirgi dimokiraasii isaanii kabajamuuf cimsee gaafata. Haawwanis/shamarranis mirga isaanii gama hundaa fi karaa maraan kabajsiifachuuf sodaa fi bir’annaa tokko malee ijaaramanii akka falmatan, deemsa qabsoo bilisummaa saba isaanii keessattis ga’ee isaanii akka ol kaasan hiree kanaan yaamicha godha.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Bitootessa 08,2023
Finfinnee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *