Boordiin Filannoo biyyaaleessa Itiyoopiyaa mootummaan paartilee siyaasaa karaa seeraan socho’an irratti dhiibbaa taasisaa jiru akka dhaabu gaafate.
(SQ-Bitootessa 15,2023)
Boordichi dhimma yoroo dheeraaf hidhaa jiraachuu hooggantootaa fi qondaalota ABO ilaalchisee mootummaa Oromiyaa fi kan federaalaa deddebisee gaafadhus deebii tokkoollee naaf hin laanne jedheera.
Boordiin filannoo biyyoolessaa kana kan beeksise komee tibba kana kora sabaa akka hin teenyeef dhorkamuu dhaabbileen siyaasaa 3 dhiheeffatan irratti ibsa har’a Finfiinee keessatti sabaa himaaleef wayita kennetti ture.
Dhaabbileen siyaasaa INNAAAT, BAALDERAASII fi GOOGOOT ykn tokkumaan haqa Guraagee jedhaman torbee lamaan dabran keessatti kora sabaa taa’uu dhorkamuu fi miseensotni isaanii jalaa hidhamanii akka jiran boordiin filannoo biyyooleessaa natti iyyatanii jiruu jedheera.
Ibsicha haasawaatiin kan banan hooggantuun boordichaa aadde Burtukaan Miidhaksaa, akkaataa seerri jedhuu fi heerri boordii filannoo kaaheen dhaabbileen siyaasaa eeraman 3 qaamota mootummaa Irraa dhiibbaan irra jira jedhaniiru.
Komee dhaabbileen siyaasaa 3’n dhiheeffatan sanaa irratti hundaa’uun itti anaan hoogganaa booradicha obbo Wubsheet Ayyalaa Hoteela Haayilee Giraandi keeessatti sabaa himaaleef waaree booda ibsa kennaniiru.
Ibsa isaanii kana keessatti dhaabbiileen sadan eeraman kuni wal-ga’ii idilee fi kora sabaa tahuuf yaalanillee qaamota mootummaatiin akka dhorkaman , miseensotnii fi hooggantootni isaanii jalaa hidhamuu beekna jechuun dubbataniiru. Qaamota nageenyaa dabalatee hooggantoota mootummaatiin waanti suni hundi akka raawwatame himame malee, eenyuummaa fi maqaan qaama waan sana raawwatee ibsicha keessatti ifatti hin dhahamne.
Kanaafuu jedhe boordichi, mootummaan Itoophiyaa dhaabbilee siyaasaa seeraan socho’an irratti dhiibbaa gochaa jiru fudhatama akka hin qabne ibsuun, warri seeraan galmaa’anii socho’an hundi mirgi walabummaan socho’uu, walga’uu fi kora-sabaa gaggeeffachuu isaanii haalduree tokko malee akka eegamuuf jechuun mootummaa Itiyoophiyaa gaafateera.
Ibsa kenname sana irratti, yoroo dheeraa hidhaa jiraachuu hoogganootaa fi qondaalota ABO akkasumas cufamuu waajjiraalee isaaniin wal-qabatee gaaffii gaazexeessota irraa ka’eef deebi’ii boordichi kenne, dhimma ABO’n wal-qabatee mootummaa naannoo Oromiyaas ta’e kan federaalaa deddeebi’anii gaafatanis deebi’ii tokkollee hin argannee kan jedhu dha.
Haata’uutii dhimmichi komishiinii mirga namoomaa kan Itoophiyaa wajjiin irratti hojjetamaa akka jiru boordichi himeera.
Maddi ONN!