Ilmi Oromoo akkasiin ajjeefamaa irratti geerarama!
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, [4/12/2023 2:57 AM]
“Bakka qaamni 3ffaa jirutti marii araaraaf dhiyaannee mootummaan argamuu dide” jedhe ajajaan WBO Zoonii Lixaa Jaal Marroo Dirribbaa.
(SQ-Ebla 12,2023)
Yaaliin araaraa WBO fi mootummaa gidduu gama mootummaatiin fedhiin dhibuu Marroo Dirribaa ibse.
Sirna eebba WBO Zoonii Lixaa irratti argamuun haasaa kan taasisan ajajaan WBO Zoonichaa Jaal Marroo Dirribbaa dhimma yaalii araaraa taasifamaa jirurratti yaada kennaniiru.
Oromoon araaraafi nagaa buusuun aadaa isaa ta’uu ibsuudhaan, yaaliin araaraa mootummaa fi WBO gidduutti taasifamuuf yaalamaa ture gama WBOtiin fedhiin jiraachuun ibsamee mootummaan garuu fedhii akka hin qabne ibsamee jira.
“Rakkoon Oromiyaa keessaa akka rakkoo gama Tigiraay mootummaaf hin laaffatu” kan jedhe Jaal Marroon, “bakka nuti argamnee qaamni sadaffaas argametti mootummaan argamuu dide” jechuun dubbate.
Haala kanaan mootummaan waa’ee araaraa miidiyaafi walga’ii adda addaarratti dubbataa ture maqaa araaraa olola qofaaf fayyadamaa kan jiru ta’uu haasaa kanaan ibseera.
Gara fuulduraattis bakka qaamni sadaffaa jirutti marii araaraa geggeessuuf WBOn qophii ta’uu ibsee jira.