- Bakka kaleessaa dhaabbannee iddoo har’a jirru yoo ilaallu, qoodni SBOn Qabsoo keessatti kenne ol’aanaa dha.
Waggaa 35ffaa SBO ilaalchisee Ijoo Dubbii ABO – Waxabajjii 14, 2023
Sagalee ummata sagalee hin qabnee ta’ee akkasumas arratta qabsoo bilisummaa Oromoo tahee deemsi seenaa Sagaleen Bilisummaa Oromoo waggoottan 35n darban kana dabarse galmee seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti ifee kan mul’atuu fi jiraataa dha.
Seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti Sagaleen Bilisummaa Oromoo (SBOn), sagalee ummata Oromoo ta’ee mirgaa fi haqa ummatni Oromoo biyya abbaa isaa irratti qabaachuu male ummaticha barsiisuu irra dabree, sirnootni impaayera Itoophiyaa dhufaa-darban miidhaa isaan ummata Oromoo irraan gahan addunyaan akka hubatu taasisuu keessatti qooda guddaa gumaache.
Miidiyaalee waa’ee Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Ummata Oromoo dubbachuu calqaban keessaa Sagaleen Bilisummaa Oromoo isa angafaa ta’uu seenaatu ragaa baha.
Addi Bilisummaa Oromoo, qabsoo ummata Oromoo bifa garagaraatii fi faffacawaadhaan deemaa ture walitti fidanii bifa gurmaa’inaa fi jaarmaan akka geggeessamu taasisuuf ijaarame. ABOn mirga ummata Oromoo kabajsiisuuf, ykn ummatni Oromoo biyya isaa afaan qawween sarbame wareegama feesisu hunda itti kafalee falmatee akka deebisatuuf, Waraana Bilisummaa Oromoo – WBO akkuma gadi dhaabe, ummata Oromoo sochii qabsoo bilisummaa keessatti hirmaachisuufis waggaa 35 har’aa Sagalee Bilisummaa Oromoo – SBO bu’uuresse.
Bara 1988 ji’a Waxabajjii gaafa 15 kan baname Sagaleen Bilisummaa Oromoo – SBOn, arraata dhaabichaa ta’ee waggoota kana hunda hojjechuu cinaatti, sagalee ummata bal’aa Oromoo fi cunqurfamtoota biroo ta’ee hojjetaa, gaddaa fi gammachuu isaanii waliin qooddataas as gahe.
Addi Bilisummaa Oromoo waggaa 35n har’aa gaafa Sagalee Bilisummaa Oromoo hundeessee “Kun Sagalee Bilisummaa Oromoo ti” jechuun hojii jalqabsiisu, bakka ummatni Oromoo fi qabsoon isaa ture tilmaamuun rakkisaa miti. Ummata Oromoo bakka har’a jiru dhaqqabsiisuu fi sochii qabsoo ABOn taasisaa turee fi ittis jiru keessatti qoodni arraatni dhaabaa kun kenne ol’aanaa dha.
Waan dhaabichi itti jiru, akeekni isaa maal akka ta’e, ummatni Oromoo maal keessa akka jiru, maal gochuu akka qabu, akka namaatti qaamaan hunda biratti argamee barsiisuun, dammaqsuun, ijaaruun waan hin danda’amneef, karaa itti ummata isaa bira gahu waggaa 35 har’aa SBO banee hojii hojjeteen injifannoo cululuqaa, milkaa’ina boonsaa argamsiiseera. Haaluma kanaan miidiyaan kun waggoota 35n darban kana keessatti ummata Oromoo Aadaa, Afaanii fi Seenaa isaa barsiisuu, dammaqsuu, qabsoof hiriirsuu fi odeessa ittiin gahuudhaan shoora guddaa taphate. Ummata Oromoo qofa osoo hin taane, kanneen akkuma saba Oromoo sirna cunqursaa jalatti dhiitamaa fi hacuucamaa jiraataniifis sagalee ta’uufiidhaan tumsa gochaafii yoona gahe.
Dhiibbaa fi duulli biraa hafuu baatus, Sagaleen Bilisummaa Oromoo har’as akkuma kaleessaa akeeka dhaabbateef irratti hundaa’uudhaan hojii qabsoo ABO hangaasuu, odeessa ummataan gahuu, dabaa, yakka fi cubbuu ummata Oromoo irratti bittootaan raawwatamu saaxiluu itti fufeera. Mirgootni dhala namaa akka kabajamaniif, dimokraasiin dhugaa akka lafa qabatuu fi dagaaguuf, walqixxummaa fi bilisummaan ummatootaa akka dhugoomuuf akkuma kaleessaa abukaatummaadhaan falmuu itti fufee argama.
Sagaleen Bilisummaa Oromoo – SBOn akeeki dhaabbateef hanga galma ga’utti, kaayyoon qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn dursamu hanga dhugoomutti Sagalee Bilisummaa ta’ee, Bilisummaa lallabuu itti fufa.
Addi Bilisummaa Oromoo – ABOn, hiree kanaan hojjattoota SBO, qabsaawota Oromoo falmaa hadhaawaa gochaa jiranii fi waliigala ummata Oromootiin baga guyyaa hundeeffama SBO waggaa 35ffaan isin gahe jedha. Kanneen SBO jalqaba irraa hanga har’aantanaatti karaa dinagdee, odeessaa fi bifa biraanis bira dhaabbachuun asiin gahan hundaaf galata galcha. Sagaleen kun akka jiraatuu fi caalaattis jabaatuuf, akkasumas daran babal’atee hojii guddina umrii isaan walgitutti tarkaanfatee akka dorgomaa ta’u gochuuf tumsii fi deggersi ummata Oromoo golee addunyaa hunda keessa jiruu akkaan barbaachisaa ta’uu hubachiisuun, akka cina dhaabbattanii gargaartan yaamicha isaa haaromsa.
Sagaleen Bilisummaa Oromoo Haa Jiraatu! Haa Jabaatu!
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 14, 2023
Finfinnee