Oromiyaa bakkoota adda addatti Waraanni Bilxiginnaa ilman Oromoo 9 ajjeesuun dhaga’ame.
(SQ-Ebla 28,2023)
Guutuu Oromiyaa keessatti lammiilee Oromiyaa ajjeessa, hidhafi dararaa ulfaata adda adda irran ga’a kan jiru waraanni murna Bilxiginnaa tibba kanas Oromiyaa bakkoota adda adda keessatti ilmaan Oromoo 9 ajjeessu maddeen SQ bakkoota adda adda nuuf himaniiru.
Haala kanaan jiraattoota Godina Shawaa Bahaa Ona Fantaallee kan ta’an namoonni afur (4) Burqaa Buudee, Wadoo Godaanaa, Odaa Wadaay fi Maammad Barcoo kanneen jedhaman waraana Mootummaa paartii Bilxiginnaattin qabamun mana hidha baafamanii ajjeefamu maddee SQtti himan.
Obbo Odaa Wadaay fi Mahaammad Barcoo ji’a 3 dura badii tokko malee qabamanii hidhaman kan jedhan maddi keenya mana hidhaa keessaa baafamanii ajjeefaman jechuun miira gaddan dubbatu.
Obbo Burqaa Buudee immoo dilbata darbe bakka Abaadir jedhamutti osoo horii barbaaduu waraanni PP ajjeessanii reeffa isa gatanii biraa deeman jedhan.
Wadaay Godaanaa ammoo Kamisa darbe magaalaa Boolee kan Aanaa Boosat keessatti argamtu dhaqee isaa horii bitatuuf jedhu yakka tokko malee erga qabanii hidhanii booda maallaqa horii bitatuuf qabatee dhufe irraa fudhatanii halkan lama mana hidhaa erga bulchanii booda dilbata darbe mana hidha baasani ajjeesan jedhu.
Namoota afran ajjeeman keessaa Burqaa Buudee qofa maatin reeffasaa ijaan argee awwaallate kan jedhan maddi keenya namoonni 3 ammoo osoo maatiin reeffa hin argatin bakkuma ajjeefamanitti awwaalaman jedhu.
Oduma walfakkaatun Godina Shawaa Lixa Ona Meettaa Walqixxee ganda Buufaa Caffee keessatti Ebla 24,2023 waraanni Bilxiginnaa qonnaan bultoota sadii Magarsaa Mootummaa, Zawudee Baqalaa fi namni tokko kan maqaan isaa adda hin banee badii tokko malee haala sukkanneessaan ajjeesu maddeen SQ’f himan.
Namoonni ajjeefaman kun hojii qonnaa irratti bobba’uun ofiif maatii isaanii kan jiraachiisan yoo ta’u, siyaasa kam keessa kan hin qabne ta’u SQ odeeffateera.
Haaluma walfakkaatun Godina Wallaggaa Lixaa Ona Jaarsoo ganda Abboonnoo Diillaa jedhamutti dargaggoo Dirribaa Takilee jedhamu waraanni PP qabun reebicha hamaa erga irratti raawwatanii booda ajjeesanii deemu namnni ijan argee SQtti hime.
Ittuma fufuun Ebla 25,2023 Godina Shawaa Kaaba Ona Kuyyuu ganda Rooggee jedhamutti waraanni murna Bilxiginnaa nama Obbo Dabalaa Ida’aa jedhamu badii tokko malee rasaasaa itti roobsuun ajjeessu maddeen keenya nuuf himan.
Waraanni Bilxiginnaa erga Obbo Dabalaa Ida’aa ajjeessanii booda loowwaan isaa 6 fi qabeenya heddu jala fudhatanii deeman jedhu.
Oromiyaa keessatti maqaa WBO waliin hariiroo qabda jedhun lammiilee Oromiyaa ajjeessufi dararaa adda adda irratti raawwachuun jabaate itti fufee jira.