E
Waldaan Gargaarsa Oromoo/Oromo Relief Association (WGO/ORA) marsaa 2ffaadhaaf ummata keenya Booranaa waggoota shanan darbe walitti fufiinsaan balaa beelaa fi hongeen miidhamaniif gargaarsa qaqqabsiisee jira.
Gargaarsa kana karaa ORAtiin akka ummata Keenyaaf qaqqabuuf gargaarsa Maallaqaa kan godhan Ummata Oromoo biyyoota garaagaraa keessa jiraatan kanneen akka Biyya Ingilizii UK, Ameerikaa, Jarman, Kanaadaa, Norway, Awuustiraaliyaa fi kanneen dhuunfaan ummata keessaniif gargaarsa laattan maqaa Waldaa Gargaarsa Oromoo ORAtiinii fi ummata Booranaatiin galata guddaa siniif malu argadhaa jenna.
Haaluma kanaan ORAn yeroo 2ffaaf gaafa guyyaa Elba 28/04/2023 Magaalaa Finfinnee irraa gara Goodina Booranaa Bahaa Aanaa Areeroo Ganda Fulduwaa jedhamuun waamamu gahuudhaan Ummata keenya balaa hongee fi beelaa, rakkoo garaagaraa keessa jiraniif gargaarsa barbaachisaa midhaan nyaataa Daakuu Boqqoolloo, Zayitaa fi nyaata daa’immaanii faaffaa qaqqabsiisee jira.
ORAn bifa kana fakkaatuun ummata keenya rakkoolee garaagaraa keessa jiran bira dhaabbachuuf akkuma dhaabbate hojiidhanis jira; itti fufas.
Ummata keenya biyya garaagaraa gargaarsa barbaachisaa maqaa karaa fi maqaa ORAn gootan galateeffachaa imaanaa keessanis ittin gahuu gamanumaan sin beeksisna.
Waan ummata keessan gargaartaniif galatoomaaโ
Maddi: ORA pag