Du’aan Boqochuu Jaal Urgeessaa Waaqkennee ilaalchisee Ibsa Gaddaa ABO

Du’aan Boqotuu Obbo Urgeessaa Waaqkennee Dabaloo ilaalchisee Ijoo Dubbii ABO – Waxabajjii 02, 2023

Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti qooda hin dagatamne kennaa kan turan, nama guddaa Obbo Urgeessaa Waaqkennee Dabaloo du’aan addunyaa kana irraa boqotuu isaanii oggaa dhageenye gadda guddaatu nutti dhaga’ame.

Obbo Urgeessaa Waaqkennee Dabaloo abbaa isaanii Obbo Waaqkennee Dabaloo fi haadha isaanii Aadde Iftuu Furii irraa Ebla 5, 1933tti Giddu-gala Oromiyaa Shaggar Ona Guraagee yeroo sanaa kan taate, Caboor bakka Xaxaar jedhamutti dhalatan.

Abbaan isaanii fedhii ijoollee isaanii barsiifachuuf qaban irraa jalqaba ganda Kee’ilo jedhamtutti kan argamtu mana barumsaa Qeesii bataskaan Maariyamitti kan baratan oggaa ta’u, booda irra gara Tullu Bool’oo deemanii ganda firaa taa’uun barnoota idilee hangaa kutaa 4tti baratan. Achiin booda ammoo gara magaalaa Finfinnee dhufuun deggersa Obbo Ambaayee Beenyaatiin barnoota isaanii sadarkaa 2ffaa baratan. Barnootattis jaboo akka turan seenaan isaanii ni hima.

Obbo Urgeessaa Waaqkennee Dabaloo ALI.tti bara 1958tti gaa’ila godhatanii ijoollee sagal kan horatan wayta ta’u, ijoollee biroos dabalatanii nama guddisaa turanii dha.

Gara Finfinnee erga dhufanii sirnoota sadan, bara H/Sillaasee, Dargii fi bara EPRDF keessa waajjiroota mootummaa fi dhaabbilee adda addaa ofiin hundeessuu fi geggeessuun sadarkaa itti gaafatamummaa adda addaatti tajaajilaa turan.

Obbo Urgeessaan mirga uumaan namaaf kenne kabajamuu akka qabu amantaa fi ejjennaa waan qabaniif, dargaggummaa isaanii irraa kaasee qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti hirmaachuudhaan iddoo garagaraatti, haala isaanii hayyame keessatti hanga gaafa du’aan addunyaa kana irraa darbaniitti hanga danda’an qooda isaanii kennaa turan.

Obbo Urgeessaa Waaqkennee Dabaloo, dhukkuba keessootiin qabamanii yeroo dheeraaf waldhaansa irra erga turaniin booda, Waxabajjii 01, 2023 lubbuun isaanii darbe.

Addi Bilisummaa Oromoo ABOn du’aan boqotuu Obbo Urgeessaa Waaqkennee Dabalootti gadda itti dhaga’ame ibsataa, maatii, firoottan akkasumas waahillan qabsoo isaaniif jajjabina hawwa.

Injifatnoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 02, 2023
Finfinnee, Oromiyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *