Addi Bilisummaa Oromoo erga hundaayee waggaa 50ffaa isaa kabajachuuf jedha.
Waxabajji 5/2023
Ummanni Oromoo martii fi qabsaawoti Oromoo Baga Gammaddan.
Dhaabi keenya ABOn erga hundeeffamee Adoolessa 1 bara 2023 wagga 50ffaa isaa kabajata. ABOn Ummata Oromoof kennaa guddaa dha. Saba Oromoo Jaarraa tokkoo oliif hiddi gabrummaa keessatti dagaagee biyyaa fi sabummaa dhabee,afaanii fi aadaa mulqamee eenyummaan isaa adduunyaa irraa akka dhokatu taasifame kan ture, ABOn bara 1973 bu’uureffamuun ilmaan saba keenyaa qabsaawoti Oromoo falmaa hadhooftuu taasisanii fi wareegama waggoota 50f kafalaa jiraniin sabni Oromoo faajjii fi alaabaa ABO/Oromoo jalatti wal gurmeessee eenyummaa isaa deeffatuu fi biyya isaa Oromiyaa akka falmatu,afaan isaa qubee afaan Oromoon akka katabee barreessu irra darbee afaan barnoota ammayyaa taasisuu irratti Addi Bilisummaa Oromoo gahee guddaa hojjetee jira.
Qabsaawoti Oromoo qabsoo karaa nagaa fi diplomacy cinaatti roorroo mootota Habashaa dhufaa darbaa akka of irraa falmataniif karaa hidhannoo fi siyaasaan leenjii ammayyaa kennuun seenaa ummata Oromoo keessatti isa hangafaati. WBO ijaaruu fi ammayyeessuun falmaa hadhooftuu baroota dheeraa taasiseen mirgi ummata Oromoo akka kabajamuu fi duubattii hin deebine iggitii itti tolchee jira.
Ijaaramuun ykn hundeeffamee qabsoo Oromoo gaggeessuun ABO ummata Oromoo biyya keessaa fi alatti eenyummaa isaa irratti hundaayee sba Oromiyaa ta’anii akka of ijaaran taasiseera. Hawaasi Oromoo biyyoota Africa,jidduu galeessaa bahaa fi biyyoota alaa hundatti of ijaaranii Oromummaan gurmaayan taasisuun hundeen ABO dha.
Artistooti Oromoo hangafoota irraa kaasanii hanga dhaloota har’aatti ABO jalatti ykn daandii ABO irratti tarree galanii qabsoo akka gaggeessuun afaanii fi aadaa akkasumas warraaqsa Oromoo akka guddisan taasisuu keessatti hundeen isaa ABO dha.
Hayyooti Oromoo waldaaleen namoomaa Oromoo fi Oromiyaa akkasumas dhaaboti siyaasa Oromoo dhalachuun hundeen isaa ABO dha yoo jedhame dhugaa dha.
Dargaggoonni Oromiyaa Bara 2005 irraa kaasee hanga 2010 FDG akka gaggeessaniif ABOn gahee guddaa taphate.Bara 2011 Qeerroo Bilisummaa Oromoo hundeessuu, taliiguu fi gaggeessuu keessatti ABOn daandii warraaqsaa bifa addaan toora qabsiisee Oromoo abdii itti hore.
Kanaaf ummanni Oromoo biyya alaa fi keessa jirtan ardii hunda keessa babaldhattanii Oromummaan boontan hundi baga guyyaa dhalachuu ABOn isin gahe jenna.
Egaan Adoolessa 1,2023 ummanni Oromoo ardii kana irra jiru adeemsa ABO wagga 50 eessaa kaanee har’a as geenye isa jedhuuf waliin kabajaa hundeeffama ABO taasisuun murteessa dha. Hundi Oromoo Oromummaan jiraachuu keenyaa fis ta’e hojjechuuf xurreen isaa toora ABO dha.
Hophii wagga 50ffaa ABO irratti
Qabsaawoti karaa adda addaa qooda guddaa sochii qabsoo Oromoof gumaachan irratti argamu. Seenaa qabsoo Oromoo fi daandii ABOn irra tare mara ummata Oromoo seenaa aja’ibaa ni dhiheessu.
1. Hogganoonni ABO gadaa darbee
2. Hogganni ABO gadaa ammaa
3. Ijaarsi hawaasa Oromoo biyya hunda jiru
4. Ijaarsi Hayyoota Oromoo fi jaarmiyaalee namoomaa Oromoo hundi.
5. Gahee fi Ijaarsi Artistoota Oromoo biyya hundatti.
6. Gahee fi qooda media lee Oromoo
7. Qooda Shamarran Oromoo qabsoo Oromoo keessatti.
8. Waldaalee Amantii Oromoo
9. Sochii dargaggoota Oromoo/Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Fi kkf hundi bifa ijaarsaan gahee ABO wagga 50 keessa ummata Oromoof gumaache bifa seena qabeessaan dhiheessu.
Seenaan guyyaa kana dhihaatu hundi Seenaa Ummata Oromoo fi ABO dha, seenaa tokko tokko Oromoo hunda waan ta’eef akka argamtanii seenaa keessan bartan, hubattan,irraa barreessitanii dhalootaaf dabarsitan haa ta’u.
Irra deebinee baga guyyaa hundeeffama ABOn isin gahe jenna.