Waarshaan Sukkaara Finca’aa hojii erga dhaabee baatii 3 tahuu beekame.
Waarshaan sukkaara Finca’aa erga oomisha sukkaaraa dhaabee baatiiwwan sadii tahee kan jiru yoo tahu hojjettoota waarshichaafis miindaa kaffaluu dhaabuun beelaaf saaxilamanii jiraachuun beekame.
Akka maddeen naannichaa nuuf himanitti walitti bu’insa waraana mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti naannoo sanatti adeemsifamuun wal qabatee hojii gaggeessaan waarshaa Sukkaara Finca’aa obbo Misgaanuu namni jedhamu hojjettoota waarshaa kanaatu waraana Bilisummaa Oromoo gargaara kanaaf naannoo kana qubatanii waraana mootummaa lolaa jiru jechuun waarshichi akka oomisha sukkaaraa dhaabu murteessuun hojjettoota waarshichaas miindaa isaanii jalaa uggursiisee rakkoo hamaaf saaxilamanii jiraachuun beekamee jira.
Akka hojjettootni naannichaa jedhanitti hojjettootni dhaabbataan baay’inni 2000 tahanii fi warreen hojii guyyaan hojjetan gara hojjettoota 4000 tahan walii galattti 6000 tahan miindaan dhorkamuun hojiin ala tahanii beelaaf saaxilamanii jiru.