Ibsa ABO haala Yeroo irratti kenname

Mooraan Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) Ilmaan Isaa Hundaan Tikfamuu Qaba

Ijoo Dubbii ABO – Hagayya 6, 2023

Oromiyaan qe’ee jaalalaa fi nagahaan keessa jiraatanii dha malee, qe’ee farreen qabsoo Bilisummaa fi Oromummaa itti wal jijjiiruun ajandaa siyaasaa itti dhalchaa oolan, qe’ee hokkaraa boqoonnaa fi nageenyaa ummata bal’aa itti dhorkatanii tahuun dhaabbatuu qaba.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n rakkoo wal xaxaa, kufaatii fi jeequmsa siyaasaa (Political crisis) irraa madduun Impaayera Itophiyaa hudhee qabe Oromiyatti babal’chuun lammiilee Oromiyaa oolii-bultii dhowwu kamuu gadi jabeessee balaaleffata. Sarbamiinsa ilma namaa fi dhiittaa mirgootaa bifa kamuu ummata sivilii kamuu irratti raawwatamus akkasuma balaaleffata; duras dhaabbata.
Dhibdee siyaasaa sirnoota Itophiyaa dhufaa darbaa fi kan paartii EPRDF tolchee murna PP ammaatiin dhaalamee yeroo irraa gara yerootti daangaa ala deemuun, ijibbaati nageenyaa dhoowwatamee, impaayerattii kuffisee, ummatoota biyyattii barootaaf wal qabachiisuu dadhabsiisaa jiru kanatti furmaata waaraa itti godhuuf Addi Bilisuummaa Oromoo (ABO)n yeroo adda addatti yaadota furmaataa ifaa fi mul’ataa akeekaa ture; har’as harkaa qaba.

Keessaayyuu waggoota afran darban keessa erga paartiin Biltsiginnaa aangoo siyaasaa dhuunfachuun biyyattii gaggeessuu eegalee as rakkoon wal xaxaa fi gaaga’amni hedduu ulfaataan biyyattii fi ummatoota mudateera. Bahaa-dhiha, Kaabaa-kibba darbees giddu-galli osoo hin hafne guutummaa biyyattii keessatti jeequmsa siyaasaa fi balaa waraanaa dhuma hin qabneen lubbuun lammiilee miliyoonaan galaafatameera; qabeenyi biyyattii biliyoonaan shallagamu barbadaaweera; Dhalli namaa mirgi dimokraasii kabajamuufiin hafnaan mirga uumamaa iyyuu mulqamee ooli bultii dhowwatameera.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n erga bara 2018 ifatti hojii qabsoo biyya keessatti geggeessuu fi qabsoo bifa fi haala haaraan deemsisuu jalqabee biyyattii jeequmsa siyaasaa bara baraan daaddistu kana keessatti ummatootni akka gaaga’ama ulfaataaf hin saaxilamneef qaamota biyyattii bulchan waliin yeroo dhaa gara yerootti marii siyaasaa hunda-hammataa waliin taasisuuf gaafatus qaamni gurra ergiseef hin turre. Yaaddoon ABOn qabaachaa ture ifatti mul’achuun dhibdeen siyaasaa hundee dhabe babal’atee rakkoo nageenyaa, diinagdee fi hawaasummaas dhalche. Haalli kun bakka itti qaban dhabuun biyyattii daddaaqsee ummatoota biyattii keessatti argamanis hundeen gaaga’e.

Gaaga’ama siyaasaa biyyattii mudateen wal qabatee, rakkoo lakkuu biyyattii mudate keessaa bahuun ummatoonni biyyattii nagaha waaraa argatanii tasgabbii fi sabatiinsa qabaachuun akka jiraataniif bu’uuraan Oromiyaa keessatti nagaa, bulchinsa sabatiinsa qabu argamsiisuu kan akeekkate ABOn Mootummaa Ce’umsaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa labsuun ni yaadatama. Addi Bilisummaa Oromoo ABOn, MCBNO lafa qabsiisuun ollaalee hafaniifis nagaa fi tasgabbiitti geessa jedhee amana.

Ammas rakkoon Impaayera Itophiyaa mudate furmaata waaraa kan argatu, handhuura biyyattii kan taate Oromiyaan nagaa waaraa fi tasgabbii qabaattee lammiileen Oromiyaa nagaan ba’anii nagaan galuu yoo danda’an duwwaa dha. Kanaaf ammoo falli waaraan Oromiyaafis tahe Itophiyaaf, Mootummaa Ce’umsaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n labsee dha. Kana hojii hojjatamaan xumura itti godhuun ammoo dirqama lammiilee Oromiyaa filmaata hin qabnee taha. Kanuma waliin jeequmsa nageenyaa fi lolaan rakkinoota daangaa Oromiyaa irratti aggaamamuu malan irraa Oromiyaa ittisuun dirqama lammiilee Oromiyaa fi qabsaawotaa tahuu gadi jabeessinee hubachiifna.

Waan kana ta’eef, dhibdee gama hundaan biyyattii muddee qabee jiruuf furmaata waaraa soquu dadhabuu paartii PP irraa, gaaga’ama guddaa dhaqqabaa jiru qe’ee keenya Oromiyaa irraa qolachuun dirqama tahuu hubatuun, lammiileen keessaa fi alaan dirqama sabummaa isaanii bahatuu irratti gaaffiin jiraatuu hin qabu. Kana milkeessuufis mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ittisuu, ololoota faarreeniin hanqaaqamanii tasgabbii dhorkan saffisaan irra aanuun lammiileen Oromiyaa dirqamaa fi itti gaafatamummaa guddaa qabu. Siyaasa naamusaa fi safuu tikse gaggeeffachuu fi akka namaattis tahe akka sabaatti safuu Oromummaa fi sansakkaa siyaasaa hordofuun dantaa sabummaa fi lammummaa gaggeeffatuun hunda irraa eegama. Ummatoota kaaniifis safuu qabaatuu fi mirgoota addunyaan beektu akka tikfamu aadaa godhatuun jechoota, lallaba siyaasaa fi itti dhimma bahiinsa Media kamuu irratti safuulee kana calaqqisuun guddinatti tarkaanfatuun mataa mataanis tahe akka sabaatti gaafatamummaan socho’uu gaafata.

Dhuma irratti jeequmsaa fi hokkarri ulfaataan bakka itti qaban dhabe Kaaba biyyattii irraa ka’ee gara Oromiyaatti babal’ataa jiru qe’ee keenya akka hin goolleef lammiileen Oromiyaa dammaqiinsaan qabsaawota cinaa dhaabbatuuf dirqama qaban. Bakkayyuu eegumsa ofii fi waliif gochuun dirqii taati. Ummanni keenya rakkoo fi makkoo isa mudatu kamiifuu kan inni eeggatu walii isaa qofa waan taheef, dammaqinaa fi hubannoon dhaabbataa, haala jiru irra aanuun galii isaatti tarkaanfatuu qaba jenna.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Hagayya 06, 2023
Finfinnee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *