Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gidaamii keessatti Waraanni goolessaan PP dargaggoota mana Amantaa keessatti kadhannaa irra turan qabanii deemuun gammoojjii keessatti rashanuun beekame.
Ajjeechaan kun kan raawwate sadaasa 24, 2023 Aanaa Gidaamii ganda Maleekkoo jedhamtu keessatti dargaggoota soomaafi kadhataan turan halkan sa’atii 6:00tti waldaa Makaaneyesuus keessatti ol itti seenuun dargaggoota baay’inni isaanii 11 ta’an qabanii deemuun gammoojjii keessa geessanii ajjeesanii deemaniiru.
Uummanni ganda sanaa birmatee ba’ee barbaadaa turuun sadaasa 27, 2023 reeffa dargaggoota kanaa kan arge yoo ta’u, dargaggoonni kunneenis maqaan isaanii:-
1. Solomoon Dingataa
2. Jireenyaa Dingataa
3. Taliilaa Lameessaa
4. Toliinaa Lammeessaa (Tolee)
5. Taammiraat Lammeessaa
6. Qabbanaa Bulchaa (Qabboo)
7. Hiikaa Ayyaanaa
8. Geetaachoo
9. Siraaj
10. Kuulii kan jedhaman yoo ta’an tokko hanga ammaatti maqaa kan hin arganne ta’uufi akkuma arganneen kan isin biraan geenyu ta’a.
https://t.me/hordofaa