Nama qonna ykn daldala barate waraana hooggansiifna jedhan Ministeerri ministeera Deetaa Nagaa Itiyoophiyaa obbo Taayyee Danda’aa!

Nama qonna ykn daldala barate waraana hooggansiifna jedhan Ministeerri ministeera Deetaa Nagaa Itiyoophiyaa obbo Taayyee Danda’aa!

Obbo Taayyee Danda’aa haala Sarbaminsa mirga Namoomaa fi Ajjeechaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiruun sirna keessa jiru mootummaa pp itti gaafatamummaa akka fudhatuu fi nagaaf dursa kennuu akka qabu gama miidiyaa hawaasaa isaaniin akkas jechuun barreessan.

Ganna shan guutuu kana goone. Garuu rakkoo ni hammeessine malee hin hiikne. Kana keessatti jaallan danuu abidda nyaachifne. Sun takkaa nu hin dhukkubsine. Lakkoofsa jaraalleen qixaan hin himne. Wareegama jaraa ammoo akka injifannootti himanne. “Jaallan danuu wareeguun keenya qabsoo ajaa’ibaati” jenne!

Ganama fuula guurree qajeelfama ijaa fi miila hin qabne kennina. Guyyaa harka caalu dallaalaa waliin dabarsina. Faarsee bulaafis suuraa kaanee keessaan ergina. Hooggansa gadi bobbaafne yoosuu daganna. Bilbilayyuu jalaa kaasuu rakkanna. Galgala ammoo diimina cuffataa wuskii cirrikfanna. Waan namiifuu akkana tole seena. Ija kamiin rakkoo sabaaf miseensaa hubanna?

Guyyuu waan paarkii fi dirree kubbaa odeessina. Daa’imman sooressaa waliin taphataa suuraa kaana. Ilmaan hiyyeessaa irraa yoom dhimma qabna? Ijoolleen keenya gurguddaan Awurooppaa fi Ameerikaatti barata. Xixiqqaan ammoo paarkii babbareedaa “qormaata keessatti ijaarre” keessa taphata. Ijoollee wareegamtootaa danuu garuu haadha hiyyeettitu kophaa waliin rakkata. Kanneen haadhaaf abbaa dhaban ammoo tisiisa, injiraan, dhibee fi beelatu nyaata. Gaafan waajjira paartii ture “Mala ijoollee wareegamtootaa (hooggansa, miseensa, poolisii fi milishaa) ittiin deeggarru haa ilaallu” jennaan natti dheekamame. Yeroo dheeraa booda ol dabarsinaanis ni didame. Duuba ida’amuu fi badhaadhinni jenne isa kanaa?

Gorsa hayyootaa diduu fi marii keessoo lagatuun qormaata nagaa, diinagdee, bulchiinsa fi dippiloomaasii biyyaa gaaga’e uumne. Ammoo saba hanqina keenyaan buqqaafame, saamame, dararame, beelawee fi dhibameen “Paarkii fi masaraa daawwadhaatii bashannanaa” jenne. Waan akkanaa seenaa biyya lafaa keessatti takkaa hin dhageenne jechuunis yakka raawwatamaa jiruun dhiiga ilmaan qulqullootaan sirbuun sirrii miti jedhan.

Dhuma irrattis Obbo Taayyeen akkas jedhanii ergaa isaanii warra waliin biyya bulchaniif dabarsaniiru”Yoo dararamii fi ergaramni sabaa nu mararuu baatellee, ijoollee jaallan wareegamanii fi hooggantoota hardha aanaa-godinatti hirriiba malee bulaniif jecha nagaa haa buufnu “jedhan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *