KFOn Hoggantootaa fi Qondaaltota ABO dhiyyeenya M/Hidhaa irraa bahaniif affeerraa laaqanaa taasisan

Paartiin KFO Hoggantootaa fi Qondaaltota ABO dhiyyeenya mana hidhaa irraa bahaniif Waajjira isaanii Muummee Finfinneetti affeerraa laaqanaa taasisaaniif.

Paartiin Kongiresii Federaalistii Oromoo KFOn erga hundeeffamee eegalee walitti dhufeenya gaarii waggoota dheeraaf ABO waliin kan qabu yoo tahu ammas paartiilee Oromoo lamaan kunneen erga dhaabni ABO gara Oromiyaatti hogganni isaa deebi’ees walitti dhufeenya duraan halaalaan ture amma qaamaan walitti dhufanii jabaachuun Oromoof abdii guddaadha.

Hogganni Paartiin KFO prof. Mararaaa Guddinaan durfamu hoggantootaa fi qondaaltotni KFO Sadaasa 10/2024 waajjira isaanii Muummee Finfinneetti argamutti Hoggantootaa fi Qondaaltota ABO dhiyyeenya mana hidhaa irraa hiikamaniif HD ABO Jaal Daawud Ibsaa fi Sabquunnamtiin Hawaasaa ABO Jaal Lammii Gammachuu kan keessatti argaman affeerraa laaqanaa taasisaniif jiru.

Paartiileen Oromoo ciccimoon Ummatichaaf falmaa karaa sirrii dimokiraasii taheen Ummata Oromoof qabsaahan kunneen haala mijataa fi hin mijanne keessatti gaaffiin Ummata Oromoo akka deebii argatuuf wal hubannoon qabsootti kan jiran yoo tahu mootummaan Abbaa Irree Abiyyiin durfamu isaan diiguufis yaalii guddaa taasisu illee hin cichoomina hoggantoota Dhaabilee ABO fi KFO dabalatee miseensota cichoomina qabaniin hin milkaayiin hafeera.

Hoggantootni fi Qondaaltotni ABO baatii tokko dura Mana hidhaa irraa hiikaman waggoota 4 oliif yakka tokko malee haqa dhabanii manneen hidhaa adda addaa keessatti erga dararamaa turanii booda dhiibbaa biyyoota alaa fi biyya keessaa mootummaa Abbaa Irree Abiyyii irratti taasifameen mana hidhaa irraa bahuu dandahanii jiru.

Mootummaan ABO diiguuf ykn balleessuuf kaayyeeffatee bara 2019 irraa eegalee hoggantoota dhaabichaa muraasa faayidaan bitee Hoggantootaa fi Qondaaltota hedduu immoo mana hidhaatti darbuun waajjira ABO muummicha Gullalleetti argamu dabalatee kanneen Oromiyaa keessa jiran hunda saamuun cufee jira.

Mootummaan PP qabeenyaa Dhaabichaa konkolaatota baay’inni isaanii 3 tahan irraa saamuun HD ABO Jaal Daawud Ibsaas mana isaanii itti cabsanii saamanii akkan namuu isaan hin quunnamne yeroo dheeraaf erga taasisanii booda dhiibbaa kallattii kamuun qabsoon Ummataa taheen HDn ABO hidhaa dhaabbii irraa bilisa bahuun kaayyoo fi akeeka qabsichaa osoo hin sharafiin gaggeessummaa cichoomina qaban tahuun bakka waajjirri ABO ugguramee jirutti kallattii fi alkallattiin miseensotaa fi hoggantoota dhaabichaa jiran waliin qabsicha itti fufsiisaa turaniiru.

Dhiibbaa ABOn waggoota jahan dabarse keessatti gama KFOnis kan ture tahullee gaggeessummaa Prof.Mararaa Guddinaan diigumsa irraa kFOn oolee jira.

Gaggeessummaa Hoggantoota ABO fi KFO Jaal Daawud Ibsaa fi prof. Mararaa Guddinaa waliin qabaniin miseensotni dhaabbilee lamaanii waliin tahuun gaaffii saba Oromoo hanga deebii argatutti ajjeechaa fi saamicha Oromiyaa keessatti raawwatu hanga dhaabbatu qabsoo karaa nagaa irratti cichoomina guddaan walitti dhufeenyaa fi wal dhageettii cimaan waliin bakka amma gahame gahanii jiru.

Paartiin KFOs affeerraa laaqanaa sadaasa 10/2024 waajjira isaatti Hoggantootaa fi Qondaaltota ABO mana hidhaa irraa dhiyyeenya bahaniif taasises hariiroo duraan turee fi aantummaa waliin qaban kan argisiise dha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *