Humnootiin Nageenyaa Abbaa Alangaa seeraan ala ukkaamsan.

Abbaan Alanagaa Aanaa Heexosaa Humnoota Nageenyaa Mootummaan Ukkaamsamuun mooraa waraanaatti hidhame.

Godina Arsiitti Abbaa Alangaa Aanaa Hexoosaa kan ta’e Obbo Abdulhaakim Gaarii guyyaa kaleessaa gaafa 03/03/2017 galgala keessaa sa’aatii 12:00 irratti bakka hojiitii osoo gara mana isaatti galaa jiruu seeraan ala qaamolee nageenyaa mootummaatiin to’annaa jala ooluun hanga ammaatti kaampii waaranaa Aanicha keessatti argamutti to’atamee jiraachuu isaa odeeffannoon na qaqqabeera jechuun Waldaa Abbootii Alangaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti maxxansanii jiru.

Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaas gochaan seeraan alaa kun erga Abbaa Alangaa kana irratti raawwachuu odeeffannoon isa qaqqabeen booda itti dhiheenyaan hordofuun qaamolee dhimmichi ilaallatu wajjin dubbachaa akka jiruu fi lGochaa seeraan alaa Abbaa Alangaa kana irratti raawwatame Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa cimsee kan balaleeffatu tahuu akeekaniiru .
Hidhaan seeraan alaa kun Abbaa Alangaa irratti raawwatamuun isaa bilisummaa ogummaa Abbaa Alangaa kan sarbu ta’uu bira darbee gochaa ol’aantummaa seeraa cabsedhas jedhameera . Abbaan Alangaa ogeessa seeraa bilisa ta’ee ogummaa seeraa qabuun ol’aantummaa seeraa fi haqa uummataa mirkaneessuuf hojjetu ta’ee osoo jiruu hidhaan seeraan alaa irratti raawwatamuun isaa gochaa fudhatama hin qabnee fi itti gaafatamummaa seeraa hordofsiisudha. Qaamoleen Abbaa Alangaa kana seeraan ala hidhanii jiran hatattamaan to’annaa seeraan alaa jalaa akka gadi lakkisanii fi namoonni gochaa seeraan alaa kana raawwatan seeratti dhihaatanii olaantummaan seeraa akka mirkanaa’uuf Waldaan Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa cimsee ni gaafata jechuun gaafataniiru.

Waldaa Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *