ABO paartii siyaasaa tokko jechuun hin danda‟amu.
Maqaan ABO yeroo ka‟u lapheen firaas kan diinaas ni dhaabbata.
1ffaa kaan Jaalalaan , kan isa biraa jibbaa fi sodaan.
ABOn aasxaa qabsoo uummata Oromooti. ABOn dhaaba qofa miti. ABOn afuura bilisumaati.
ABOn uummata Oromoo biratti carraa filannoo isa dhumaati malee aangoo fi mo‟icha dirree lolaan kan madaalamu miti.
Waa‟een ABO yoo ka‟u alaabaan isaa, sirni isaa fi bulchiinsi isaa mataa mataatti dhiibbaa gaarii qabu. Alaabaa isaa yeroo argu keessi isaa kan hin naanee fi diinni hin jeeqamne hin jiru.
Kanaafi tokko tokko qoricha budaa kan jedhaniif. Amma amma alaabaa ABO kana dhaabicha qofaaf dhiisuu irra eenyullee gareen mirga uummata Oromoo fi bilisummaa isaaf socho‟u yeroo fayyadaman arguun barameera.
Alaabaan ABO irraa gara alaabaa mormiitti(resistance flag)tti jijjiirameera. Waan kamillee kan uummata Oromoo ilaallatu sochiin mormiis ta‟e deeggarsaa yeroo jiraatu alaabaa kana fayyadamu. Kun kan mirkaneessuu Alaabaan ibsitu dukkanaa Alaabaa Biyyaa, Alaabaa Oromiyaa tahuu isaa ti.
2ffaa waraana ABOti. Waraana kana ijaarsa isaallee yoo ilaalle akkuma loltuu kamiitti gosa hojii filannoo ta‟ee akka namni bakka isa ilaallatuutti walitti qabamu osoo hin taane sababa adda addaan mufii uummataa kan argee fi kan dhaggeeffate, kanas kan morme qofa osoo hin taane cunqursaa kanaa fi ukkaamsaa uummata irraa kaasuuf murteessee kaayyoon qabsoo hidhannootti tuuta makamedha.
Tuuta waraanaa kana keessa barataan yuunivarsiitii fi eebbifamtootni, hojjettootni mootummaa fi oggeessotni adda addaa biroo fi hojii irratti bobba‟anii dargaggoota turan,akkasumas sababa cunqursaa tureen jireenya isaanii seeraan geggeeffachuu kan hin dandeenye lammiileen biroo keessatti argamu.
Waraanni ABO sirnaan kan leenji‟ee fi dirqama waraanaa itti kenname dandeettii guutuu fi kutannoon bahuu kan danda‟u dandeettii kan qabuu fi tuuta loltuu dammaqaa akka ta‟e dhugaa bahamaafi.
3ffaa qaamni ABO geggeessaa isaati. ABOn akka paartiitti erga hundaa‟ee jalqabee uummata Oromoo keessaa sadarkaa guddaan kan baratanii fi beekumsa siyaasaan ana kan jedhaman geggeessaniiru.
ABOn akka paartiitti gumaachi inni Itoophiyaa keessatti gumaache halluu sirriitti mul‟atuun kan barreeffamedha. Sirna mootii fi itti aansee sirna abbaa hirree Dargii buusuuf qabsoo hidhannoo godhame keessatti gahee guddaa taphateera. Keessumaayyuu ammoo erga Dargiin kufee booda waqtii ce‟umsaa sana teessoo paarlaamaa osoo hin hafiin qabatee heera mootummaa baasuu fi milkaneessuu keessatti gahee olaanaa mataa isaa taphateera.
Sirna federaalizimii hojii irra oole keessatti gahee isaa taphachuu irra darbee Oromiyaa kan jedhamtu mootummaan naannoo boca akka qabaattuu fi lafa irrattis sararuu keessatti gaheen inni taphate olaanaadha.
Afaan Oromoo afaan barumsaa fi hojii mootummaa biyyaalessaa naannoo Oromiyaa akka ta‟uu fi hojii irra oolmaa isaatiifis akkuma naannoo biroo mirga siyaasaa naannichaaf ta‟uu qabu kabachiisuuf gahee olaanaa taphateera.
ABOn dogoggora akka paartiitti qabaatus jiraachuun isaa qabsoo farra cunqursaa fi ofiin of bulchuu uummata Oromoo keessatti gaheen inni taphate seenaa keessatti gita hin qabu.
Sochiin ABO rakkoo baay‟een kan qoramee fi jiddu galeessa qabsoo isaa kan ta‟e uummata Oromoo irra rakkoon gahe akkuma salphaatti kan ilaalamu miti. Milkaa‟inni ABO fi bu‟aan cululuqaa isaa akkasumaan akka tasaa kan argaman miti.
ABOn akka paartiitti miseensotni murteessoo fi geggeessitootni jalaa wareegamaniiru. Bara 1980 Sumaalee irratti hooggansa isaa guutumaa guutuutti du‟aan akka dhabe seenaan ni yaadata.