Manguddoo waggaa 75 dabalatee namootni 17 Ilmaan keessantu WBO keessa jira jechuun hidhamuuu Bulchaan Aanaa dubbatan.

Aanaa #Amuruutti namoonni 17 “ijoolleen isaanii hidhattootatti makamaniiru” jedhamanii hidhaman

Naannoo #Oromiyaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruutti maanguddoo ganna 75 dabalatee namoonni 17 “ijoolleen keessan hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (#WBO)tti makamaniiru” jedhamanii hidhamuu jiraattoonni himan.

Aanichatti qonnaan bultoota hidhaa ji’a torba booda gadhiifaman keessaa namoonni “ijoolleen keessan bosonarraa hin deebine” jedhamuun hidhaman jiraachuu Sagaleen Jarman (DW) gabaaseera.

Maanguddoon ganna 75 tokko himannaa wal fakkaatuun irra deebiin to’annoo jala ooluu isaanii ilmi isaanii DW’tti himeera. “Jaarsa ganna 75 mucaa isaanii umriin isaa 25 darbeef itti gaafatamummaa fudhadhu jedhamanii ji’oota 9f hidhuun sarbama mirga namoomaati,” jedhe.

Bulchaan Aanaa Amuruu Obbo Dinsaa Dhugumaa “maatiin ijoollee isaanii hidhattootaatti makaman akka fidan kallattii kaa’ameen” miseensonni maatii hidhaman akka jiran mirkaneessaniiru.

Itti dabaluun, “ijoollee isaanii fiduuf ji’a tokko ykn lama isaaniif kennama. Hedduun hidhamanii gadhiifamaniiru” jedhan.

Ji’a tokkoon dura aanaa Amuruu keessatti namoonni 130 ol ta’an miseensi maatii isaanii “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qaba” jedhamuun mana murtiitti osoo hin dhiyaatin ji’oota torbaa oliif hidhamanii akka argaman Addis Standard gabaasuu ni yaadatama.

Lixa Oromiyaa keessattuu godina Horroo Guduruu Wallaggaatti waldhabdee waggoota jahan darbaniif humnoota mootummaa, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO), fi hidhattoota Faannoo hirmaachise adeemsifamaa jiruun lubbuun lammiilee nagaa galaafatamaa jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *