Tarsiimoo haaraa Shimallis Abdiisaa ittiin Oromiyaa lafa dhiigaa taasisaa jiru Oromoon dura dhaabbachuu qaba.

“Waraanni Bilisummaa Oromoo Shaggar Lixaa keessa qofa akka hin sochoone ugguruu qabdu” President Shimallis Abdiisaa.

Murni dantaa dhuunfaa malee kan sabaaf bakka hin qabne walitti qabaan Koree Nageenyaa fi prizedaantiin MNO obbo Shimallis Abdiisaa tibbana dhalattoota Lixa Shaggar qofa walitti qabuun WBOn akka godina Shaggar lixaa keessa sochii hin taasifneef humna qabnuun uggurree godinoota biraa keessatti akka ummataan wal dararu ykn wal ajjeesu babal’isuu qabna jechuun dubbatan.

Obbo Shimmallis Abdiisaa dhalattootni shaggar lixaa diinagdeenis of tumsinee ummata keenyas tumsuun akka WBO gandoota baadiyyaa Lixa shaggar keessatti sochii hin taasifne gochuu qabna jedhan.

Obbo Shimallis Abdiisaa maqaa koree Nageenyaan marii dhoksaa hoggantoota dhalattoota Lixa shaggar bakka olaanoo teessoo PP irra jiran kanneen akka Komishiner Araarsaa Mardaasaa,Hayiluu Gonfaa,Abbabaa Garasuu,Yilmaa Mardaasaa,Damballash G/Mikael dabalatee kanneen biroon kan keesaatti argaman waliin marii gaggeesseen yoo nuyi dinagdeen cimnee ummata keenyas cimsine namni aangoo keenyatti bu’u hin jiraatu kanaaf immoo humnoota waraanaa kanneen poolisii Oromiyaa keessa jiran karaa waldaa Simmintoo Daangootee ijaaramee jiruun baatiidhaan miindaa isaanii malee poolisoota kaayyoo fi Akeeka keenyatti amananiif hanga Qr 20,000 kaffalamuuf qabas jedhaniiru.

Marii maqaa koree Nageenyaa jedhuun walitti qabaman kana irratti godinoota Oromiyaa Lixa Shaggar irraa kan hafe bakkoota WBO keessa socho’utti maatii Ijoollee bosona jirtuu ijoollee keessan galchaa jechuun jumulaan akka hidhaman ajaja kennuu fi qonnaa bultoota ijoolleen isaanii bosona jirtu immoo yeroon kun yeroo qonnaa waan taheef Callaa ykn midhaan isaanii akka Milishaan fudhatu taasisuun dinagdeenis isaan dadhabsiisaa isaanumti I akka wal dhaban taasisuu qabna jedhan.

Obbo Shomallis Abdiisaa dhalattoota godina Oromiyaa kanneen Lixa shaggar hin taane aangoo gurguddaa qaban kanneen amantaa irraa hin qabne hidhata WBO waliin qabdu jechuun akka doorsisamanii fi gitni aangoo isaanii akka gadi bu’us irratti hojjechuu qabna jechuun dubbataniiru.

Marii dhoksaa dhalattoota Lixa shaggar qofaa waliin maqaa koree nageenyaan taa’ame kana irratti gandummaa fi amantaan bakka hundatti akka namni wal qoodee wal shakku taasisuu akka qabanii fi namoota kanaaf hojjetan immoo qindeessummaa Bilisummaa Biraanuu fi Dammaqaa Nagaasaan duulli miidiyaa hawaasaa akka dalagamus akeekaniiru.

Aangoo Yoo qabaanne qabeenyaa qabna gaafa aangoo kana dhabne ykn nurraa fuudhame konkolaataan isin amma qabattanii yaatan manni isin keessa jiraattan dabalatee isin irraa fuudhamuu akka qabu beektanii humna qabnuu fi qabeenyaa qabnutti fayyadamnee WBO akka inni Lixa shaggar keessa hin sochoone taasifnee golee Oromiyaa biroo keesaatti immoo tarsiimoo haaraa amma baasne Kanaän maatiin miseensota WBO akka jumulaan hidhaman qabeenyaan isaanii immoo milishaan akka saamamu yoo goone isaanumaan isaan cabsina jedhaniiru.

Obbo Shimallis Abdiisaa wayita dhalattoota Lixa shaggar kana walitti qabanii haasawan kanaa booda aangoon nu harkaa bahuu hin qabu yoo nuyi cimne humnaanis dinagdeenis kan barbaanne akka barbaannetti ugguruu fi dadhabsiisuu dandeenya.

Ummatni beelaye jaallatee osoo hin taane gaafa rakkatu dirqamee nu jala hiriira kanaaf immoo jabaachuu diinagdeen of tumsuu qabna jedhaniiru.

Cimina keenyaan MM Abiyyi Ahimed illee aangoo irra jira kan jedhan Obbo Shimallis Abdiisaa yoo nuyi hin jiraanne Abiyyis aangoo irra hin jiru kana beeka innillee jechuun dubbataniiru.

Maqaa koree Nageenyaan marii Icciitii dhalattoota Lixa shaggar qofa waliin kan gaggeessan Obbo Shimallis godinoota akka Wallaggaa ,shaggar kaabaa fi shaggar Bahaa kanneen daangaa Amaaraan wal daangeessan keessatti humnoota finxaaleyyii Amaaraa Faannoon hidhatanii akka galan taasisuun akka ummata WBO keessa socho’u dararanii saaman taasisnee yeroo isaan wal nyaatan nuyi immoo humna keenya jabeeffanna jedhaniiru.

Godinoota akka Arsii ,Jimmaa, Iluu Abbaa Boorii fi Harargee dabalatee kanneen biroo keessatti immoo dhalattoota Amaaraa baay’inaan bakka jiranitti immoo dargaggootni Amaaraa milishummaan akka leenjifamanii hojjetan taasisnee maatii qabsaa’otaa ykn hidhattoota bosona jiranii akka isaan dararan taasisna jedhaniiru.

Tarsiimoo kana bifa haaraan Baatii Amajjii eegallee humna qabnuun akka hojiitti seennus dirqama hunda keenyaati jechuun obbo Shimallis Abdiisaa maqaa Koree Nageenyaa jedhuun dhalattoota Lixa shaggar walitti qabuun dubbataniiru.

Walitti qabaan Koree Nageenyaa Obbo Shimallis Abdiisaa marii icciitii kana irratti akkuma Minilik Goobanaa Daaccee qabatee tokkummaa Itiyoophiyaa tikse nuyis gaggeessummaa MM keenyaa Abiyyi waliin taanee seenaa kaleessa Goobanaan hojjete hojjechuu qabna jedhan. Itti dabaluunis impaayerri Itiyoophiyaa dhalattoota Lixa Shaggariin tiksamaa as geesse Jaagamaa Keelloo fa’i yaadadhaa nuyi biyya ijaarra warri ijaaramuu Itiyoophiyaa jibban immoo gantuu nuun jedhu osoo goototni Lixa Shaggar hin jiraanne Itiyoophiyaan har’aa hin jirtu jechuunis dhaadataniiru.

Walumaa galatti murni maqaa gandummaan of ijaaree golee Oromiyaa nagaa dhowwachuuf jiru kun waldaa Simmintoo Daangooteen galii isaa tumsataa dhalattoota golee Oromiyaa dhiibbaa irratti gochaa qe’ee Oromiyaa golgoleessuuf karoorfate kan Galma hin geenye waan taheef ummatni keenya kana tokkummaan irra aanuu qabaan dhaamsa keenya.

Oromoon hoggana gandummaan ijaaramee qe’ee isaatti waraana bobbaasuu fi maqaa milishummaan leenjisee bobbaasee Nageenya booressu dura dhaabbatee nu gahe nagaa nuuf wayya nuyi Oromummaan malee gandummaan hin ijaaramnu jechuu qaba.

Milishootni faayidaa yeroof jettanii qonnaan bultoota darartan dhaloota ajjeestanis gochaa hammeenyaa murni badinsaa kun raawwatuuf ergamtuu tahuurra Saba waliin jiraattan cinaa hiriirtanii nagaa fi tasgabbiin akka jiraatuuf akka hojjettan dhaammanna.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *