Hojjettoonni Dhaabbata Tajaajila Awtoobisoota Magaalaa Finfinnee 480 ol hojii keenyarraa haqa malee ari’amne jedhan.
* “Amma booda kadhachuuf daandiitti ba’uu malee eessa deemna?” Jedhan
Komii Hojjettoota adeemsa seeraa sirrii malee hojiirraa ari’amne jedhaniif Dhaabbanni tajaajila otobusii magaalattii deebii kennuu dideera.
Hojjettoonni Dhaabbata Tajaajila Awtoobisoota Magaalaa Finfinnee 480 ol adeemsa sirrii malee hojii irraa ari’amuu himan. Garuu dhaabbatichi deebii kennuu diduun immoo dheekkamsa kaasaa jira jedhame.
Hojjettoonni kunneen guyyaa boruu Guraandhala 1, 2017 irraa eegalee dhaabbaticha keessaa ni ari’amuu kan ibsu xalayaan kennamuufii Hojii isaa gadhiisuu isaanii namootni ariyaman dubbataa jiru.
Akka hojjettoonni dhaabbatichaa maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan jedhanitti, waggoota 25f dhaabbaticha keessatti bakka itti gaafatamummaa qabuun hojjetaniiru, akkasumas sababa “haaromsa”tiin hojii irraa atiiyamuu isaanii dubbataniiru.
Komii dhiyyeessitootni kun “akka tasaa yeroo ammaa sababa isaa hin beekamneen ariyamuu isaanii himan”. Dhaabbatichi akka hir’ina hojjettootaatti erga hojii irraa nu ari’ee booda beeksisa qaxarrii kontiraataa baase,” jedhan kanneen hojii irraa hir’ifaman . Akka tumaalee Labsii Hojjechiisaa fi Hojjetaatiin hojjetaan tokko erga waliigaltee mallatteessee booda badii tokko malee hojiirraa ari’amuu akka hin dandeenye tumamee jira .
“Wanti nurratti raawwatame eenyuun iyyuu raawwatamee hin beeku” kan jedhan namoonni miidhaman, biyya hojjenne fi tajaajilaa turre keessatti kun akkas ta’ee baay’ee nama gaddisiisa jedhan.
Kana booda waa’ee jireenya isaanii yeroo dubbatan “kadhachuu malee maal gochuu dandeenya jedhan.
Hojjettuun hojii irraa ari’amte tokko dhaabbaticha keessatti waggoota 17f qulqulleessituu taatee hojjechaa akka turte, ulaagaalee waan hin guunneef hojii irraa ariyamtan nuun jedhan jetteetti.
Hanga kutaa 12ffaa xumuruu isaanii ragaa qabaatanis, ”hojii qulqulleessuuf waan hin mijoofneef” sadarkaa gadi bu’uu isaanii ibsuun, dhaabbatichi hojjettoota biroo qacaree bakka isaanii buuse.
“Akeekkachiisa tokko malee akka tasaa hojiirraa ari’amne” jedha namootni ariiyaman .
Akka gabaasaan beeksisa dhaabbatichi baaseetti, “Dhimmi kun hojiirraa ari’uu ilaallata”, “Guraandhala 1, 2017 irraa eegalee Ergasii waliigaltee dhaabbaticha waliin qabdan akka addaan cite beekuun, qabeenya harka keessan jiru dabarsee kennuu fi dirqama biroo seeraan barbaadamu raawwachuudhaan, hanga Muddee 30, 2017tti. “Yeroo kenname keessatti hojii keessan yoo hin xumurre dhaabbatichi kaffaltii harkifannaa ykn dirqama biroof itti gaafatamummaa akka hin fudhanne isin beeksifna,” jechuun xalayaa kanaan ibsaniiru.
Dhaabbatichi maaliif lakkoofsa hojjettootaa hir’ise xalayaadhuma kanaan yoo ibsan, “Gahumsi dhaabbatichaa yeroon gadi bu’aa waan dhufeef, akkasumas mala hojii isaa jijjiiruun bu’aa guddisuuf, hojii keessan irraa akka ari’amtan isin beeksifna.” hojjettoota bu’a qabeessa ta’an walbira qabuu fi ramaduuf qorannoo caasaa gaggeessuun ulaagaa kaa’ame hin guunne.” jechuun xalayaa isaanii keessatti ibsaniiru.
Xalayaa kana keessatti dhaabbatichi mirgaa fi faayidaa hojjettootaa akka eegu ibsamus, “himattoonni akeekkachiisni ykn xalayaa hojii irraa ari’amuun alatti wanti biraa akka hin kennamne dubbataniiru.”