Abiyyi Ahimed Hireen pirezedaantii Kooriyaa Kibbaa isa mudachuu mala.

Pirezidaantii Kooriyaa Kibbaa aangorraa dhorkaman ugguraman Yoon Suuk Yeol har’a poolisoota 3000n tohannoo jala oolfaman.

Har’a Roobii ganama Amajji 15/2025ย  poolisoonni 3,000 ta’an mana jireenyaa Kooriyaa Kibbaa aangorraa kaafaman Yoon Suuk Yeol wayita deeman deeggartoota isaa daandii irraa maqsaa turan.

Manni pirezidaantii yoon suuk yeol dallaa fi eegumsa cimaa kan qabu waan ta’eef poolisoonni dallaa cabsanii seenuf yaalii eegalan.

Sa’aatii muraasa booda torbanootaf to’annoo seeraa jala hin oolu jedhee kan dide Yoon Suuk poolisiin to’annaa jala olche.

Yeroo sana pirezidaanticha to’annoo jala oolchuf kan deeme poolisii 150 qofa ture. Har’a garuu isa qabuuf poolisii 3000 tu ramadame.

Yoon Suuk amma barcuma pirezidaantummaarraa dhorkamee, murtee mana murtii heeratu isa eeggata.

Manni murtii heeraa itti murraan guutummaan itti gaafatamummaasaarraa ni kaafama.

Garuu yeroo hamma kana to’annoo jala oolchun maalif rakkisaa ta’e?

Eegdota pirezidaantii

Gaafa Mudde 3, pirezidaantiin biyyattii Yoon Suuk Yeol labsii muddamaa heerri hin hayyamneef labseera jechuun mormiin cimaan erga dhalatee Kooriyaa Kibbaa keessatti torbanoota darban muddama cimaatu ture.

Pirezidaantichi aangoo akka hin malletti fayyadameera jechuun miseensonni paarlaamaa biyyattii sagalee kennuun akka aangorraa dhorkamu murteessan.

Qorattoonni yakkaa gaaffif akka barbaadan gaafannaan dhiyaachuu dide. Kuni ammoo ajaji hidhaa akka irratti bahuuf sababa ta’e.

Haa ta’u garuu to’annoo seeraa jala galchuun salphaa hin turre. Danqaa guddaa kan ta’e eegdota pirezidaantiti. Gaafa Amajjii 3, poolisoonni pirezidaantii aangorraa dhorkame to’annoo jala oolchuf yeroo deeman karaa itti cufuun ittisan.

Tajaajila Nageenya Pirezidaantii heddu kan muude pirezidaanticha

Eegdonni pirezidaantichaa marsaa kana akka isa jalqabaa muddama hin uumnes jedhameera.

Mootummaan Abbaa Irree #Itiyoophiyaa har’a akkuma pirezedaantii Kooriyaa Kibbaa humnoota waraanaa kumaatamaan aangoo isaa tiksachuuf ummata jumulaan hidhuu fi ajjeesuun jiraataa jira.

Namootni har’a Itiyoophiyaa keessatti aangoo gubbaa jiran kanneen barcuma Abbaa Irrummaa Abiyyi tiksuuf inni kaayyate malee kan ummata keessaa bahaniif hojjechuuf mudaman miti.

MM Abiyyi Ahimed har’a aangoo afaan qawween of tiksee ummata akka barbaade gochaa jiru dhumni isaa akkuma pirezedaantii Kooriyaa Kibbaa kana tahuun isaa waan hin oolledha..

Hanguma barcuma aangoo ofii tiksachuuf Ummata qabsoo karaa nagaa falmatus tahe gaaffii mirgaa gaafatu dararuun hammaatu ummatnis du’;aa fi jireenya gidduu taa’ee roorroof osoo hin jilbeeffanne gaaffii mirgaa gaafachuuf qabsoo isaa jabeeffata.

Aiyyi Ahimed taatee Pirezedaantii Kooriyaa kibbaa mudateen ol akka isa mudachuu malu haalli amma ummatni Impaayera Itiyoophiyaa keessa jiru dararaa hammaataa argaa jiru akka cimee falmatuuf argisiistuudha.

Qabsoon Ummataa afaan qawween yoomillee ugguramee turus dhumni isaa Abbaa irreetti dukkanadha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *