Taarifni U.S.-Kaanaadaa-Meksikoo Akkamitti Hojjeta? Oomishaalee Maal irratti xiyyeeffata?
Bulchiinsi Traamp Dilbata darbe meeshaalee Meksikoo fi Kaanaadaa irraa dhufan irratti taarifa galtee %25 akka kaffalu kan ibse yoo ta’u, oomishaalee anniisaa Kaanaadaa ammoo taarifa %10 isaan mudata. Labsiin kun Chaayinaa irraa kan gallfamu irrattis taarifa dabalataa %10 kan hammatedha. Taarifni kun Kibxata irraa eegalee hojiirra oola. Duraanis Kaanaadaan taarifa haaloo bahuu kan beeksifte yoo ta’u, Meeksikoon akkasuma akka gootu waadaa galteetti.
Meeshaaleen Maashinariin taarifa walxaxaa dha. Akkamitti akka hojiirra oolchan mirkanaa’aa miti, sababni isaa guddaan Waayit Haawus gartokkoon akka meeshaa mariitti itti fayyadamaa waan jirtu fakkaata. Garuu gaaffiiwwan bu’uuraa muraasa akkaataa isaan itti hojjetan, fi dhiibbaa battalaa isaan daldalaa fi fayyadamtoota Ameerikaa irratti qaban kunooti:
Taarifa eenyutu kaffala?
Dhaabbileen meeshaalee kana biyya alaatii galchan, hedduun isaanii namoota dhuunfaa fi dhaabbilee daldalaa Ameerikaa ta’an, taarifa kanaaf kan kaffalan ta’uu ibsameera.
Namni Ameerikaa biyya alaatii galchu tokko gatii isaa ol kaasuun baasii taarifa daldalaa ykn fayyadamtoota Ameerikaatti dabarsuu danda’a. Akkasumas, al-ergii biyya alaa tokko gurgurtaa akka hin dhabneef gatii yoo hir’ise dhumarratti ba’aa kana baachuu danda’a.
Taarifni kun dhaabbileen U.S. galteedhaaf gara biyyoota birootti akka garagalan yoo isaan kakaase, gibirri sun hambifamuu akka danda’u beekamaadha. Yeroo sanatti hojjettoonni Kaanaadaa, Meeksikoo fi Chaayinaa hojii dhabuu danda’u ta’us. Haala sana jalatti lammiileen Ameerikaa gatii olaanaa kaffaluun isaanii hin oolu, meeshaaleen hedduun dhiyeessitoota filannoo baasii olaanaa isaan mudatu irraa dhufu. Yoo oomishni gara U.S.tti ce’e, Ameerikaanoonnis gatii ol’aanaa kaffaluun isaanii hin oolu, haa ta’u malee, sana keessaa muraasni gara mindaa fi bu’aa lammiilee Ameerikaa birootti deemuu hin oolu.
Meeshaaleen akkamii dhiibbaa irra gahu?
Gatiin meeshaalee hedduu, konkolaataa irraa kaasee hanga gaazii, bilbila ismaartii fi kuduraalee haaraatti dabaluu hin oolu.
U.S. muka doolaara biliyoonaan lakkaa’amu Kanaadaa irraa waan bitatuuf baasii ijaarsa manaa dabaluu mala. U.S.n akkasumas hanga guddaa Kanaadaa irratti hirkattee french fries ishee qorraa ta’e dhiyeessiti.
Baasii meeshaalee elektirooniksii fi meeshaalee taphaa Chaayinaa irraa galfaman akka ol ka’u eegama. Akkasumas Meksikoo irraa kaasee meeshaaleen gurgurtaa tekiilaa irraa kaasee hanga avokaadoo fi timaatimaattis gatii olaanaa argachuu hin oolan, kunis maatii Ameerikaa miliyoonaan lakkaa’aman irratti dhiibbaa uumuu danda’a.
Dhaabbilee kamtu dhiibbaan isaa itti dhagahama?
Yeroo turtii Tiraamp jalqabaa dhaabbileen Ameerikaa taarifa irraa bilisa ta’uuf iyyachuuf carraa argataniiru. Baay’een isaaniis ni milkaayaniiru . Fakkeenyaaf, Applen oomishaalee Chaayinaa keessatti hojjetaman tokko tokkoof taarifa irraa bilisa ta’uu milkaayeera .
Yeroo kana adeemsi bilisa ta’uuf iyyachuuf ta’u jiraachuu fi dhiisuu isaa ifa miti. Qondaalli olaanaa bulchiinsaa tokko Dilbata darbe gaazexeessitootaaf akka himanitti, taarifa kana irraa bilisa ta’uun hin jiru.
Taarifoonni kun kanneen marsaa jalqabaa Tiraamp waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu akkamitti hubatama?
▶️Isaan kanatu caalaa guddaadha. 👇
Chaayinaa irraa jalqabi. Taariifni U.S. bara 2018 fi 2019-yeroo turtii Tiraamp jalqabaa keessa kaa’e-Chaayinaa irraa galfamu hunda keessaa gara harka sadii keessaa lama kan uwwise yoo ta’u, meeshaalee waggaatti tilmaamaan doolaara biiliyoona 370 kan uwwise ture.
Taariifni yeroo kana Chaayinaan gara U.S.tti ergitu hunda kan ilaallatu yoo ta’u, bara 2024tti waliigalatti naannoo doolaara biiliyoona 401.4 akka ta’e ragaan Biiroo Lakkoofsa Uummataa ni mul’isa.
Marsaan taarifa kanaas Meksikoo fi Kanaadaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, oomishaalee baay’ee irratti taarifa bal’aa, %25 ta’a. Bara 2024tti U.S. meeshaalee doolaara biiliyoona 466.6 Meksikoo irraa, meeshaalee doolaara biiliyoona 377.2 Kaanaadaa irraa galchite.
Yeroo turtii Tiraamp jalqabaa bulchiinsi isaanii sibiilota fi aluminiyeemii Kaanaadaa fi Meksikoo irraa dhufan irratti gara waggaa tokkoof taarifa kaa’eera. Taarifa inni Meksikoo irraa galfamu hunda irratti labse waliigaltee daldala bilisaa haaraan U.S., Meksikoo fi Kanaadaa (USMCA)n erga hash out ta’ee booda ture.
Tarkaanfii marsaa kanaan Tiraamp fudhatan kun qaawwa “de minimis” kan ergaawwan gatii doolaara 800 gadi qaban qaraxa irraa bilisa ta’anii gara U.S. akka seenan taasisu irrattis xiyyeeffata. Itti fayyadamni tumaa daldalaa waggoota dhiyoo asitti guddachaa dhufeera, kunis gartokkoon guddina dhoo’aa daldaltoota daldala elektirooniksii Chaayinaa irraa kan ka’edha. U.S. qaawwa kana Kanaadaaf ni dhaabdi, sababa yaaddoo paakeejii achi irraa bilisa ta’uu jalatti sirnaan hin sakatta’amne jedhu irraa kan ka’e.
Fuulduratti tarkaanfachuuf maal gochuu qabama?
Haaloo walirratti bahuu baayyee isaa dhaabuu 👇
Muummichi ministeeraa Kaanaadaa Jastiin Tiruudoo biyyi isaanii meeshaalee Ameerikaa biiliyoona 105 ol ta’an irratti taarifa %25 akka haaloo baatu kan dubbatan yoo ta’u, kunis meeshaalee doolaara biiliyoona 322.2 bara 2024tti U.S. gara Kanaadaatti ergite keessaa gara harka sadii akka ta’e ragaan lakkoofsa ummataa Ameerikaa ni mul’isa.
Dambaliin jalqabaa-alkoolii, buna, uffataafi kophee dabalatee meeshaalee doolaara biiliyoona 20tti tilmaamaman tuqu -Kibxata irraa eegalee hojiirra oola. Kanneen hafan ammoo torban sadii booda hojiirra oolchuuf karoorfameera.
Pirezidaantiin Meeksikoo Kilaawudiyaa Sheenbaum Meeksikoon tarkaanfiiwwan taarifaa fi taarifaan ala ta’aniin haaloo baafti jedhan. Ministeerri Daldala Chaayinaa tarkaanfii farra hin ibsamne akka fudhatu ibseera.
Deebiin kenname kun al-ergii Ameerikaan biyyoota sadan kanaaf biiliyoona dhibbaan lakkaa’amu irratti dhiibbaa uumuu hin oolu. Bara 2024tti U.S. meeshaalee doolaara biiliyoona 309.4 gara Meksikootti, doolaara biiliyoona 131 ammoo gara Chaayinaatti ergiteetti.
Gabaasni kan The Wall Street Journal dha.