Wallaggaa Bahaatti humnootiin Finxaaleyyii Weerara bananiin lubbuun namoota nagaa 13 ol darbe.
Faannoon (ፋኖ) ummata Oromoo wallagga Bahaa irratti lola haaraa bante!
Ebla 15, 2025 aanaa Kiiramuu ganda Cabbii jedhamu weerartee qote bulaa tokko ajjeeftee, lama madeesitee. Qabeenyaa ummataa hanga dandeessu guurrattee kan hafe ammoo barbadeesitee mooraa isheetti dachaate.
Guyyaa harraa (Ebla 22, 2025) milishoota Oromoo Naannoo sana ilaaluuf ganda Qoqoffee irraa bobba’an haga gabaasa kana barreessaa jirutti nama 13 ajjefteetti.
Milishoonni Oromoo naanno sanaa jiran baayyinaan xiqqoodha. Meeshaan isaanis duubatti hafaadha.
Kan ፋኖ garuu meeshaa jabanaa kan akka መተርየስ ofkeessa qabudha. Kanaafuu humni milishaa Oromoo rasaasa fageenyarraa itti dhuka’uun dhumaa jira.
Faannoon ፋኖ Wallaggaan (ዲዚሞ) Amaaratti dabaluuf dhiyeenya kana ዲዚሞ ክ/ጦር labsachuu ishee Oromoon martuu quba qaba. Amma yeroo kanatti waraanni ፋኖmeeshaa jabanaa hidhattee baayyinaan gara dhiya Oromiyaatti addatti ammoo Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti bobba’a jirti. Aanaa Kiiramuu keessa qofa mooraa dirree leenjii sadii qabdi. Bakki dirree leenjii kunis ganda Haroo, Gooda Abbaa Gashee fi Alii jedhamu. Haga ammaatti waraana ishee mooraa sadii jiru keessaa isa Gooda Abbaa Gashee fi Alii irraa hanga tokko sochoofteetti. Waraanni ishee inni guddaan mooraa Haroo jiru hinsochoone. Leenjii halkaniif guyyaa itti fufee jira.
Ummanni Oromoo Naannoo sanaa ammaan booda hin dheessinu jechuun qe’ee isaarratti wareegamaa jira.
Akka Gabaasaan nu qaqqabe ifa godhutti Namoota har’a Ebla 22/2025 ajjeefaman tarrisni maqaa isaanii:
1. Faqqadaa Goobanaa
2. Taaddalee Abbabaa
3. Tafarraa Wayyeessaa
4. Tasfaayee Maammoo
5. Abbittii Tasfaayee
6. Tamoo Dayyee
7. Gonfaa Kiikkoo
8. Geetahuun Nagarii
9. Baabbee Alamayyoo
10, Firdiisaa Amanuu Gusuu…kanneen jedhaman dabalatee kan Maqaan nu qaqqabne biroon humnoota Finxaaleyyii Faannoon ajjeefamanii jiru.