Waajjira Muummee ABO Gullalleetti Miseensotni leenjii fudhachaa turan Irbuu haatomsatan.

Miseensotni ABO Leenjii Qondaalummaan Marsaa 5ffaa Har’a Haaromsa Fudhataa Turan Xumuratuun Waadaa Isaanii Haaromsatan.

 Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n, erga waajjira isaa Muummee Gullallee deebisee banee waajjirichatti hojii geggeessu keessaa tokko haaromsa miseensotaa fi qondaalota isaaf kennuu yoo ta’u, kanas itti fufuudhaan Fulbaana 06, 2025 guyyaa har’aa Leenjii Qondaalummaan marsaa 5ffaaf haaromsa kennaafii ture xumursiisuun waadaa isaanii akka haaromsataniif irbuu seensisee jira.

Sirni kun eebbaan kan eegale yoo ta’u, ilmaan Oromoo Mirgaa fi Bilisummaa Oromoof wareegamaniif yaadannoo sammuu taasisaniiru.

Sirna xumura haaromsaa fi irbuu seenuu qondaalota ABO marsaa 5ffaa kana irratti Miseensi GS-ABO Jaal Amaan Filee argamuun haasaa erga taasisaniin booda, irbuu seensisaniiru. 

Irbuun laayyoo fi salphaa akka hin taane kan ibsan Jaal Amaan, waadaa seenamu irraa goruun xumurri isaa akka hin tolle erga hubachiisanii booda, kaayyoo fi akeeka ABO itti amantanii waadaa seentan bakkatti tikfadhaa jechuun dhaamsa dabarsaniiru. Qondaalotni dhaabaa haaromsa kana kennaa turanis walduraa duubaan haasaa taasisaniiru. 

Sochii karaa nagaa keessatti haala kam keessattuu kaayyoo fi akeeka ABO galmaan gahuuf, jabaatanii hojjechuun fardii ta’uu hubachiisaniiru. 

Sirni eebba leenjii haaromsa Qondaalummaa kenname kun milkii fi injifannoon xumurameera.

Gabaasni kan SBOti..

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *