Ogeessota Fayyaa seensa Qormaataaf gara Yuuniversiitii Haroomaayaa imalaa jiran irratti balaa konkolaataa qaqqabeen namootni 9 lubbuun darban

“Hojjetoonni fayyaa 9 balaa konkolaataan lubbuun darban”.

Konkolaataa balaan qaqqabe  keessa walumaa galatti namoonni 28 akka turan  yoo ta’u, hundi isaanii ogeeyyii fayyaa aanaalee adda addaa irraa walitti dhufuun kontiraataan  gara Yuunivarsiitii Haroomaayaa tti seensa qormaataaf imalaa turan.

Kanneen boqotan Namootni 7 Arsii irraa yoo tahan  2 Baalee irraa” ka’anii walion osoo imalaa jiraniiti jedhe – Biiroo Fayyaa Naannoo Oromiyaa 

➡️kanneen lubbuun oolan keessaa namoota 4 irra miidhaan cimaan yoo qaqqabu namootni 8 immoo miidhaa salphaan irra gaheera. 

Walumaagalatti ogeeyyiin 28 konkolaataa balaan kun qaqqabe irra turan” – Biiroo Eegumsa Fayyaa Godina  Arsii 

Hojjettoonni fayyaa naannoo Oromiyaa Godina Arsii irraa gara Yunivarsiitii Haramayaatti barnoota isaaniif imalaa turan balaa konkolaataatiin lubbuun darbuu fi madaa’uu ilaalchisee namootni gadda itti dhagahame ibsachaa jiru. 

Balaan kun kan mudate hojjattoonni fayyaa kunneen qormaataaf gara Yuunivarsiitii Haramayaatti osoo deemaa jiranii akka ta’es ibsaniiru. 

Ogeeyyiin fayyaa barnootaaf konkolaataa kontiraataa (dippiloomaa irraa kaasee hanga digrii qormaata seensaaf) gara Yuunivarsiitii Haramayaatti deemaa akka turan beekuun dandahameera.

Balaa kanaan kanneen miidhamanis irra caalaan isaanii Arsii irraa yoo ta’u balaan kun kan mudate yeroo naannoo Olancitii ga’anidha.

Balaan kun kan mudate Onkoloolessa 12, 2018, naannoo sa’aatii 12:00 AM, Adaamaa irraa gara yunivarsiitichaa osoo deemaa jiraniti.

Ka’umsi Balaa kanaas kan mudate konkolaataan fe’umsaa Isuzu burtukaana fe’ee Harargee irraa gara Adamaatti deemaa ture konkolaataa ogeeyyii fe’ee ture waliin walitti bu’uu tahuu beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *