Horro Guduruu keessatti Bilxiginnaan uummata nagaa hidhuu fi maatii deggertoota ABO hanga Akaakayyuu 7tti ajjeesaa nuun jedhan jechuun uummata dorsiisa jiraachuun dhagaa’ame.

(SQ-Bitootessa 6,2022)

Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii keessatti kadireefi poolisiin Bilxginnaa namoota hedduu mana hidhaatti guuraa jiraachuun dhagaa’ame namoonni hidhamanis mana dhiphaa keessatti dararaama ulfaataa argaa jiru jedhan.

Guyyaa guyyatti nama hidhaa jiru kan jedhan maddeen keenya Bitootessa 3, 2022 qofa nama 5 hidhan jedhu isaaniis.
1, Barsiisaa Baacaa Morodaa
2, Obbo Asfawuu Geshemaa (hojjetaa Mootummaa)
3, Obbo Asfawuu Taakkalee(dalalaa)
4, Obbo Dirribaa Amsaaluu (Hojjetaa Mootummaa)
5, Barataa Biraanuu Booree kanneen jedhaman yoo ta’an Kadiroonni Bilxiginnaas deeggartoota ABO qomoo isaanii hanga Akakkaayyu torbaatti ajjeesaa qajeelfamni jedhu nuu kennameera jechuun dhaadachaa jiraachuu maddeen keenya nuuf himan.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti Itti Gaafatamaa Partii Bilxginnaa aanaa Jimmaa Gannatii kan ta’e Obbo Massalaa Maammoo kan jedhamu maqaan hunda keessanii Nuharka jira Qomoo keessan hanga Torbaatti ajjeesna jechuun uummataatti dhaadata jedhu.

Torbee darbee achuma Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Bulluqitti milishaafi Faannoon Amaaraa Waraana Bilxginnaa waliin wal ta’uun Firootta Hayyuu Duree ABO jaal Daawud Ibsaa 4 ajjeessun 4 ammoo ukkaamsun guyyaa 9 booda gad dhiisuun niyaadatama.

Gocha firoota jaal Daawud Ibsaa irratti rawwaateefi dhaadannoon Itti Gaafatamaa Partii Bilxginnaa Aanaa Jimmaa Gennatii maatii Deeggertoota ABO hanga Akakkaayyuu 7tti ajjeesna jedhu qajeelfama Bilxginnaa ta’u ragaa ba’aa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *