Waldaan Hakiimota Oromiyaa komiin kafaltii yeroo hojii sa’aatii dabalataa(Duty) ogeeyyii fayyaa akka furamu gaafate.
Waldaan Hakiimota Oromiyaa xalayaa Biiroo Fayyaa Oromiyaatiif barreesseen akkaataa qajeelfama mana marii ministirootaatiin bahee fi ministeera fayyaatiin dhihaatee Caffeen Oromiyaa raggaaseetiin shallaggiin kafaltii hojii yeroo sa’atii dabalataa mindaa hojjataadhaaf yeroo sanatti kafalamu guyyaa soddomaaf qooduun herreegamaa jedhe.
Haata’u malee akkaataa qajeelfama kana faallessuun hooggansi biiroo fayya akkaataan kafaltii kana kafalaa jiru mindaa amma hojjataan argatuun kan shallagame akka hin taane hubachuu hime.
Ajajni biiroo fayyaa irraa afaaniin dhaabbilee fayyaatiif darbe bu’uura seeraa kan hin qabne, daangaa aangoo kan hin eegnee fi mirga ogeessi seeraan gonfate kan mulqu akka ta’e Waldaan Hakiimota Oromiyaa beeksiseera.
Dhimmi kun rakkoo bulchiinsa gaarii ta’ee komii kan babal’ise ta’uu eeree, tajaajila hawaasaaf kennamu irraan dhiibbaa otoo hin geessifne ajajni afaaniin darbe akka dhaabbatu taasifamee kafaltiin yeroo sa’atii hojii dabalataa akkaataa qajeelfama kanaaf baheen akka raawwatamu gaafatee jira.
Kafaltiin sababa kanaan waldiddaa uumameen hanga ammaatti otoo hin kafalamin jiru haalduree tokko malee akka kafalamuu qabus waldichi ibseeti jira.
Dhaabbileen fayyaa iskeelii duraaniitiin kafalaa turan, iskeelii mindaa haaraatiin shallaguun maallaqa hojjataa isaan biratti hafes saffisaan akka kafalan Waldaan Hakiimota Oromiyaa gaafateera.
Ministeerri fayyaa federaalaa akkaataan reetii shallaggii sa’aa hojii dabalataa akka fooyya’uu fi akkaataa qajeelfama lakkoofsa 921/2014 komishiniin siiviil sarvisii federaalaa baaseen akka raawwatamu Biiroo Fayyaa Oromiyaa xalayaadhaan beeksisuu isaa waldichi yaadachiise.
Haalli kafaltii kun magaalaa Finfinneetti hojii irra ooluu mirkaneeffachuu hime.
Biiroon fayyaa Oromiyaa komii ogeeyyiin fayyaa gama kanaan naannoo Oromiyaatti dhageessisaa jiran akka furu gaafateera.
Guyyaa xalayaan sun biiroo fayyaa qaqqabee qabee kafaltiin sun herreegamee ogeeyyii fayyaaf akka kafalamuu qabus ibse.
Kafaltiin yeroo hojii sa’atii dabalataa dhaabbataa dhaabbatatti garaagarummaa akka qabus eeree, kunis sirraa’uu akka qabu, dhaabbata walfakkaataatti kafaltiin yeroo hojii dabalataa walfakkaataan kafalamuu akka qabus dhaameera.
Kana malees ogeessi dabaree halkanii bule tokko boqonnaadhaan bakka kan hin bu’amneef yoo ta’e kafaltiin sa’atii 15 kafalamuu otoo qabuu bakkoota hedduutti kan sa’atii 7 qofti kafalamaafii akka jiru hubatameera kan jedhe Waldaan Hakiimota Oromiyaa, kunis akka sirraa’u gaafateera.