Qeerroo Bilisummaa Oromoo humna qaroomeef barate malee jaarmiyaa gorsa nama dhuunfaa socho’u hin turre mitis ‼️
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
ABO’n Asmaraa taa’ee Qeerroo Bilisummaa Ijaaruu fi Qeerroo san jalaa butuu Jaawar Mohaammad amane
Waggootaaf madda atakaaroo hamaa ta’uun miidiyaa gubbaan hawwaasni Oromoo irratti wal falmaa kan ture ajandaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo akka haaraatti eegale.
Addi Bilisummaa Oromoo hogganni isaa Asmaraa utuu jiruu waraanaa Bilisummaa alatti jaarmiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo jedhamu kan qabsoo karaa nagaa gaggeessu hundeesse.
Jaarmiyaan kun qilleensa irratti kan hololuu fii, akkanumaan akka afuura wayiitti kan jiraatu utuu hin taane qabatamaatti warraaqsatti bobba’ee golee Oromiyaa hundatti akka ijaaramu taasisuutu eerama.
Haa ta’u malee qaamoleen Jaawar Mohaammad dhaadessan yaada Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO tu hundeesse, ABO tu hoggana jedhu mormaa turan. Jaawaris abbaa Qeerroo of fakkeessuuf waggootaaf yaada kana mormaa ture jedhamuun qeeqni dhiyaataa tureera.
Miseensotaa fi hayyoonni Oromoos Jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo yoom akka hundaa’e, akkamiin akka sochii Warraaqsaa finineense qorannaa hanga irratti taasisanitti deemame.
Wal mormiin Qeerroon kan eenyuuti jedhu kun falmii hamaa miidiyaa hawwaasaa gubbaa hanga Oromiyaa keessatti dargaggoota wal dura dhaabuurra gahee ture.
Rakkoo kanaaf hiika gahaa Jaawar Mohaammad barreeffama akkamiin akka Qeerroo bute katabe keessatti jaarmiyaan kun kan ABO ta’uu hime. Haa ta’u malee Qeerroon Wayyaaneen butamee ture jechuun Girmaa Xurunaa jala jaarmiyaa jiru qofa fakkeessee dhiyeesse.
Haa ta’u malee Girmaa Xurunaa mataan isaa miseensota Qeerroo Bilisummaa Oromoo hunda akka hin beekne, inni hidhamus kanneen saaxilamoo hin taane bifa dhoksaa ta’een ABO kaawwatee akka lafa qabaataa ture Jaawariifuu waan gale hin fakkaatu. Yookaanis ammoo yeroo ammaa kanatti ABO rukutuu waan jedhu qofaaf hojjetaa waan jiruuf dhimma kanarraa dubbachuu baqateera ta’a.
Jaawar Mohaammad deemsi Qeerroo Bilisummaa Oromoo hoggansa Girmaa jala turuu fi miseensota Raadiyoo Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan ta’an, Seenaa Salamoon, Keeyeroon Darajjee, Oliyaad Baqqalaa fi Baayilui Naccoofaa irratti akka dhaabbatetti ibsuu yaale.
ABO’n garuu gareen kun erga saaxilamee booda, caasaa haaraa humna Warraaqsaa olaanaa ta’an kan hin saaxilamin qabaataa turuu waan eere hin qabu, beekuu dhabuus mala
Erga Girmaaf waayillan isaa saaxilamaniin booda caasaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo bifa ititaa ta’een kan duraa caalaa ijaaramee ol bahe. Mootummaa Wayyaanee kuffisuu keessattis warri utuu hin saaxilamin qabsoo san dhaalan gahee olaanaa bahatan.
Girmaaf waayillan isaa hidhamanii, wellistoonni heddunis erga saaxilamanii mana hidhaa seenanii booda, bifa haaraaf icciitaawaa eenyumtuu saaqee bira gahuun ulfaatuun Qeerroo Bilisummaa Oromoo sochii isaa itti fufe.
Hiriira qindeessuurraa hanga hiriirsa sanatti makamanii gaggeessuu, akkasuma Raadiyoo Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoos hojii isaa akka itti fufu taasisuun warraaqsi hammaate.
Barreeffama isaa keessatti Jaawar caasaan Girmaa akka isa jala dhaabbatan, ibsa faallaa akka irratti baasaa turan eere. Dhugaan tokko bakka kanatti isa jalaa miliqxe.
Caasaan Qeerroo yeros Jaawar jala dhaabbataa turan, Girmaa Xurunaa Diimaaf Gurraacha isaayyuu waan beekan hin qaban. Isaanis Girmaa hin beekan, Girmaanis isaan hin beeku. Kun icciita addaa ABO’n ijaarsa danda’uu isaa saaxilu keessaati.
Addi Bilisummaa Oromoo akkuma Jaawar yaada dhaaba salphaa, nama fageessee hin yaadne akkasaan oofamu hin turre. Balaa dhufuuf A fi B hanga D tti lafa kaawwataa adeemaa ture.
Akka kanaan Qeerroon Girmaa Xurunaa booda hojii qabsoo itti fufsiisan kan mata bohuu hamaa Jaawar ta’an turan. Jaawar ilaalcha Oromiyaa ijaaruu jedhutti akka hin amanne waan beekaniif salphaatti harka Jaawar seenuu hin dandeenye. Isaanis Jawar quunnamuuf ykn kofa ofii itti agarsiisuuf kan aajoman hin turre.
Jaawar waa namaa, waa lafaa akka Waaqaatti itti sagadaa ture hanqina tarsiimoo fi dandeettii fageessee xiinxaluu akka hin qabne humna haalaan hubatan turan.
Kanarraa ka’uun Jaawar icciita Qeerroo gidduu seenee akka duraa boroboruuf daandii hulluuqqoo dhabee hedduu rakkataa ture.
Gama kaaniin Jaawar Mohaammad Qeerroo Bilisummaa Oromoo gorsaa akka tureef qajeelchaa akka ture hime. Kun soba
https://t.me/hordofaa