Ministirri haajaa alaa Raashiyaa Sargee Laaviroov fi kan Yuukireen Dimitroo Kuleebaa Tarkiitti akka wal-arguuf jedhan Ministeerri haajaa alaa Raashiyaa hime.
(SQ-Bitootessa 9,2022)
Aanga’oonni lamaan erga Guraandhala 24 Raashiyaan Yuukireen weerartee yeroo jalqabaaf wal-argu.
Laaviroov fooramii dippiloomaasii idil-addunyaa irratti hirmaachuuf gara Tarkii Antaaliyaa kan imalan yoo ta’u Achitti Kuleebaan waliin wal argu jechuun miidiyaan Raashiyaa RIA Novosti dubbi himtuu ministeera haajaa alaa Raashiyaa Maariyaa Zakaroovaa waabeffachuun gabaase.
Yaada kana kan dhiyeessan ministira haajaa alaa Tarkii Meeviluut Kaavusoogluu yoo ta’an, sadi ta’anii akka mari’atan kan jedhudha.
Marichi Kamisa Bitootessa 10 akka taa’u amma dura kan gabaafame.
Biyyoonni lamaan amma dura marroo lamaaf kan mari’atan yoo ta’u, bu’a qabatamaa hin argamsiifne.
Maddi BBC!