Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo, Bitootessa 08/2022


Addi Bilisummaa Guyyaa Dubartootaa Sadarkaa idil-addunyaatti Bitootessa 8 Kabajamu Akka Guyyaa Seeana-qabeessaatti fayyadamuudhaan sarbiinsa mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti dubartoota irratti raawwatamu Gadi-jabeessee balaaleffata.

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo, Bitootessa 08/2022

Guyyaan dubartootaa Ebla 8 addunyaa guutuu irratti baroota heedduuf kabajamaa ture. Guyyaan dubartootaa Ebla 8 kabajamu kun wal-qixxummaa koorniyaa, sarbiinsa mirga namoomaa, loogiifi fanfansa dubartoota irratti raawwatamu balaaleffachuu irratti xiyyeeffata.

Addi Bilisummaa Oromoo guyyaan dubartootaa sadarkaa idil-addunyaatti Ebla 8 kabajamu kun gumaachaafi milkaa’ina dubartoonni maatii uummachuu dabalatee siyaasa, dinagdee, nagaafi tasgabbii hawaasaa keessatti gumaachan yaadachuufi dhaadhessuudhaaf carraa guddaadha jedhee amana. Haatahu malee nuti biyya Itoophiyaa keessatti sarbiinsa mirga namummaa baay’ee hamaa dubartootaafi shamarran irratti raawwatamu irraan kan ka’e, guyyaa dubartootaa sadarkaa idil-addunyaatti kabajamu kana gaddaa guddaadhaan kabajna.

Yeroo ammaa kanatti gocha gara jabinaafi sarbiinsa mirga namummaa biyya Itoophiyaa keessatti kallattii jireenya isaanii mara keessatti dubartoota irratti raawwatamaa jiruuf gaddaan lapheen keenya caburra darbee garmalee yaddessee jira.

Biyya Itoophiyaa keessatti sirna mootummootni dhufaa darbaan aangoo qabatan gocha gudeeddii, hidhaa, ajjeechaa, dararaafi sarbiinsa mirga namummaa dubartoota irratti raawwatu. Keessumaa ammoo waggoota sadan darban yeroo murni Dr.Abiyyi Ahmad aangoo qabate irraa eegalee sarbiinsi mirga namummaafi dararaan dubartoota irratti raawwatamu daran haammatee haga har’aatti itti fufee jira.

Dubartoonni Oromoo, Tigraayiifi sabaaf sablammoota Itoophiyaa biroo sababa eenyummaafi ilaalcha siyaasaa isaanii irraan kan ka’e gocha hammeenyaafi dararaa hagana hin jedhamnetti isaan irratti raawwatamaa jira.
Ammaan tana yeroo nuti ibsa kana baasaa jirru kanatti mataa isaa, dubartoonnii fi harmootiin Itoophiyaa humnoota Paartiin Bilxiginnaan Hidhachiisee bobbaase, Miliishaa Amaaraafi Loltoota Ertiriyaatiin dararamaa jiru.

Namoonni dararaa kanaan gaaga’amaa jiran dubartoota qofa osoo hin taane daa’imman kichuufi ijoolleenis haadholii isaanii waliin dararama baay’ee suukaneessaa argaa jiru.
Haadholii fi daa’imman isaanii kunneenis miidhaa qaamaafi sammuu baay’ee suukaneessaafi yaddessaa ta’eef saaxilamaa jiru.

Impaayera Itoophiyaa keessatti dubartoonni gocha sarbiinsa mirga namummaa qofaaf saaxialamu osoo hin taane, dararama mirga namoomaa kanattis dabalee manaafi qe’ee isaanii keessatti jeeqamaa, sodaafi dhiphina olaanaadhaan muddamaa jiraatu.

Gochi hammeenyaa fi suukaneessaan qaamoleen Paartiin Bilxiginnaa hidhachiisee bobbaasee fi qondaaltonni mootummichaa dubartoota irratti raawwatan maatii Oromoo hedduu fi kan lammiilee Itoophiyaa biroo diigaa waan jiruuf baay’ee nu yaaddessee jira. Haala kanaan daa’immaniifi ijoolleen naannoo waraanaafi gochoonni suukaneessoo ta’an keessatti waan guddataniif, dhaloota egeree biyya Itoophiyaatiif hedduu yaaddessaadha. Keessumaa dubartoonni bakkoota waraanaafi hongeen itti hammaatu keessa jiraatan jireenyi balaa hamaaf saaxilamee jira.

Gochoonni sarbiinsa mirga namoomaa biyya Itoophiyaa keessatti dubartootaa fi daa’imman irratti raawwatamaa jiran tumaalee seera mirgoota namummaa dubartootaa fi daa’immanii idil-addunyaa kan cabsaniidha jennee amanna.

Rakkoon siyaasaa fi sarbiinsi mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti hammaatee jiru, biyyattii barbaadessuu qofa osoo hin taane dubartoonni, maatii fi lammiileen biyyattii hiyyummaadhaan illee biyya isaanii keessa nagaan akka hin jiraanneef jireenya dhuunfaa isaanii mancaasaa jira. Waan kana ta’eef, murni Paartii Bilxiginnaa aangoo biyyattii dhuunfatee jiru, gocha biyya diiguufi barbadeessuu qofaaf itti gaafatama osoo hin taane, maatii Oromoo diigamaniifi addaan facaa’aniif, dararaa suukaneessaa dubartootaa fi daa’imman Oromoo irratti raawwataniifis akka itti gaafatamu gadi-jabeessinee dhaamuu barbaanna.

Murni Paartii Bilxiginnaa dubartootaafi daa’imman biyyattii irratti gochoota

arbiinsa mirga namoomaa suukaneessoo ta’an raawwachaa waan jiruuf, lammiileen Oromiyaa fi sabaaf sablammoonni cunqurfamoon biyyattii keesstti argaman, tokkummaan dhaabachuudhaan dubartoota, daa’immanii fi maatii isaanii akka tiksan dhaamna.

Akkasumas, Dhaabbileen Mirga Namummaa Idil-addunyaa, keessumaa kanneen mirgoota dubartootaa fi daa’immanii irratti fuuleffatanii hojjetan, qaamolee dhimmi ilaallatu mara qindeessuudhaan dubartootaa fi daa’imman ummatoota Itoophiyaa akka tiksaniifi murni biyya bulchaa jirus bu’uura seeraafi qajeelfamoota mirgoota namoomaa dubartootaafi daa’immanii idil-addunyaatiin mirga dubartootaafi daa’immanii akka kabajuuf caalaatti irratti dhiibbaa akka godhan dhaammanna.

Injifannoo Uummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Ebla 8, 2022

Finfinnee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *