Shawaa Lixaatti Waraanni Bilxginnaa Dargaggoota 4 mana hidhaa keessaa baasuun ajjeesan.
(SQ-Bitootessa 9,2022)
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Meettaa Walqixxeetti torbee darbe Poolisiifi Miliishaan Mootummaa Bilxginnaa Dargaggoota 3 Mana hidhaa keessaa baasuun ajjeesuun bakka Goda Libasii jedhamuutti reeffa isaanii gatu Maddeen SQ nuuf himan.
Dargaggoonni ajjeefaman kunneenis Diroo Tolasaa jiraataa Ganda Qundee Garasuu, Gaarradaa Taaddasaa jiraataa ganda Loyolaa Joggolaa ,Tulluu Gazzuu jiraataa ganda Gooroo Makkoo yoo ta’a.
Dargaggoonni kunneen osoo hin ajjeeffamin dura torban tokkoof mana hidhaa Magaalaa Ellaa jedhamutti hidhamanii turan jedhu maddeen keenya.
Reeffi dargaggoota kanneeni guyyaa tokko erga ala bulee hawaasi naannichaa fuudhee awwaaluus odeeffannerra.
Oduuma walfakkaatun achuma Godina Shawaa Lixaa Aanaa Abunaa Gindabaratitti Dargaggoo Gammachuu Yaaddessaa jedhamu Waraanni Bilxginnaa mana hidha keessa baasuun ajjeesanii reeffa isaa gatuu maddeen keenya nuuf himan.
waraanni fi miliishan Bilxginnaa mana hidhaa keessaa nama baasee ajjeesuu hojii idilee isaa erga godhatee waggootti darbaniiru.
Suuri Gammachuu Yaaddessaatti!