Ajjeechaa Artisti Haacaaluutiin Hoogganoota ABO irratti shirri qindeeffamaa jira

Ajjeechaa Artisti Haacaaluutiin Hoogganoota ABO irratti shirri qindeeffamaa jira

(SQ – Bitootessa 9, 2022)

Shiraa murni gabroomfataa pp yeroo ammaa hidhamtoota Oromoo irratti dhoksaadhaan raawwachaa jiru saaxilame.

Keessattuu hidhamtoota siyaasa gurguddoo, qindaalotaa fi hoogganoota ABO ija sabichaa tahan irratti kanneen akka Jaal Abdii Raggaasaa fi Jaal Gammachuu Ayyaanaa irratti shiraa fi daba guddaa xaxaa jiran. Galmeen Jaal Gammachuu cufamee bilisaan akka gadi dhiifamu manni murtii murteessee ture. Garuu amma waan ittin himanni itti banamuuf shira tolchaa jirti pp’n.
Innis ajjeechaa Artisti Haacaaluu ti.
isaantu ajjeesise jechuuf, ijoollee ajjeecha Haacaaluu tiin itti murtaaye san mana hidhaa Qaallittiitti maatii ijoollee san sadeenii waamanii ijoollee sossobaa jiru.
Suuraa Jaal Abdii Raggaasaa fi Jaal Gammachuu Ayyaanaa itti kennanii, ‘nama kanatu akka nuti Haacaaluu ajjeefnuuf nu ajaje’ jedhaati ragaa itti bahaa jechuudhaan miidiyaa gubbaatti bahanii akka dubbatan gorsa kennaafii jiru.

Ijoollee kana gorsi isaan sobanii gorsaa jiran kun:-
Akka isin Haacaaluu hin ajjeefne beekna, garuu ummanni akka quba nutti hin qabneef jenneet malee eenyu akka Haacaaluu ajjeese nuti sirriitti beekna” jechuun sossobaa jirti.

Isin ragaa kana yoo itti baatan, nuti ammoo isin yakkamaa ta’uu keessan dhiifneet, warra akka isin Haacaaluu ajjeeftaniif isin ajaje (Jaal Abdii fi Jaal Gammachuu) san irratti murtii cimaa kennina jettee sossobuutti jirti.

Yeroo asii baatan ammoo nuti haala hundaa isiniif mijeessine akka isiin biyya alaa baatan isin ni taasifna jechuun maatii ijoollee waliin teesiftee sossobaa jirti.
Kana ammoo adda durummaan itti aanaa Abbaa Alangaa waliigalaa federaalaa kan ta’e Fiqaaduutu dhaqee sossobaa jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *