Godina Wallagga Bahaa Aanaa Sibuu Sireetti namoonni waraana pp fi finxaaleyyii Amaaraatiin ajjeefaman, manaa fi qabeenyi isaanii gubate, loon isaaniis saamaman.

(SQ-Bitootessa 9, 2022)

Guyyaa dheengaddaa, kaleessaa fi har’aa walitti fufiinsaan waraanni pp fi finxaaleyyiin Amaaraa wal tahuun Wallagga Bahaa aanaa Sibuu Siree keessatti ummata nagaa ajjeesaa, manaa fi qabeenya gubaa, loon saamaa oolan.
Aanaa Sibuu Siree ganda Hagalootti kanneen haala suukanneessaatiin ajjeefaman:-
1. Tasfaayee Olumaa
2. Gammachuu Waldee
3. Tolaa Oljirraa
4. Gammachuu Oljirraa fi
5. Waaqgaarii Afataa
yommuu ta’ani, manni gubate 60 oli, loon oofamanis 150 oli dha!
Taatee wal fakkaataa, gaafuma 07/03/2022tti ganda Dichoo keessatti raawwatameen namootni ajjeefaman:-
1. Dhibbaa Gunnee
2. Niinoo Tasammaa
3. Asaffaa Dhugaasaa fi
4. Aadde Balaaynash Baraddaa – dubartii osoo da’umsatti jirtu mana keessatti gubatte dha.
Kan manaa fi qabeenya saamamanii bakkeetti hafan, rasaasaan rukutamanii barbaacha kan dhaban lakkoofsi isaanii hedduudha.
Akkasumas manni gubate 80 oli dha, loon isaan ooffatanis 180 oli dha.
Kana malees guyyaa har’aa waraanni pp aanuma kana, ganda Lalisaa keessatti manneen ummataa sadii gubdeetti.
Manneen gubatan keessaa tokko kan
1. Tuggee Asaffaa yoo tahu
manneen lama ammaaf abbootiin manaa maqaan hin beekamne.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *