Matakkalitti Barattoonni Hiriira mormii ba’uun Liyyuu Haayiiliin Amaaraa akka irraa ba’uu gaafatan.

Matakkalitti Barattoonni Hiriira mormii ba’uun Liyyuu Haayiiliin Amaaraa akka irraa ba’uu gaafatan.

(SQ-Bitootessa 17,2022)

Mootummaan Bilxginnaa waraana isaa heddu gara Matakkalitti bobbaasun gochaa sukkanneessaa irra deeddebiin uummataa naannicha irratti rawwaacha turun niyaadatama.

Tibba darbees Naaannoo Beneshangul Gumuz Godina Matakkaal Aanaa Gubaa Ganda Aayiisib jedhamutti liyyyu haayiiliin Amaaraa fi Faannoo kanneen jedhaman reeffa namoota 16 abiddaan yoo guban nama 1 ammoo osoo lubbuun keessa jiruu gubuun yaadannoo guyyoota muraasatti.

Kanumaan wal qabatee Bitootessa 16,2022 Godina Matakkal Aanaa Dibaax keessatti Barattoonni mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa Barbar Hiriiraa Guddaa ba’uun sagalee isaanii dhageesisuun gochaa naannichatti humnootti hidhataniin rawwaata jiru Balaaleffachaa oolaan.

Hiriira mormii kanarratti dhaadannoowwan garaa garaa kanneen akka “liyyuu hàayiliin Amaaraa naannoo keenya keessaa haa ba’u, Hidhaan nurraa haa dhaabbatu, Ajjeechaan nurraa haa dhaabbatuu jedhufi kkf dhaggeessisaa ooluu odeeffanneerra.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *