Ajjeechaan hojjettoota MSF loltaata mootummaan raawwatamuun mirkanaa’uu hordofee, mootummaan Itoophiyaarraa deebiin barbaada jedhe dhaabbatichi.
(SQ-Bitootessa 19,2022)
Ajjeechaan hojjettoota dhaabbata Hakiimota Daangaa Maleeyyii (Doctors Without Border) irratti kana dura Tigiraayitti raawwatame, Waraana Mootummaa Itoophiyaatiin gocha raawwatame ta’uu ibsame.
Baatii Waxabajjii bara darbee keessa Tigiraayi bakka Abbii Adii jedhamutti Hakiimonni dhaabbata MSF, Hakiimota daangaa maleeyyiin hojii gargaarsa namoomaarra turan sadii ajjeefamuun dhimma hedduu gaddisiise ture. Hojjettoonni dhaabbatichaa kunniin rasaasa waraana mootummaa Itoophiyaa irraa itti dhukaafameen ajjeefamuu isaanii New York Times mirkaneeffadhe jedhe.
Gareen Hakiimota daangaa maleeyyii ibsa yeros baasee tureen, Hojjettoonnisaa ajjeefaman sadan Lammii biyya Ispeen Maariyaa Hernandez fi Lammiilee Itoophiyaa Yohaannis Halefoomii fi Teediroos G/Maariyam jedhaman ta’uu ibsuun, ajjeechaa suukanneessaatu raawwaatame jedhe.
Yeroo gochi kun raawwatametti dhimmicha qaama walabaatiin qulqulleessuun rakkisaa ture. Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ajjeechaan kun naannoo humnoonni TPLF bal’inaan socho’anitti raawwatame jechuun ajjeechaa kana ofirraa achi qabuuf yaalee ture.
Haata’u malee New York Times gabaasa haaraa qabatee ba’een, ajjeechaan kun waraana mootummaa Itoophiyaan raawwatamuu mirkaneeffadheera jedhe. Qorattoota, Hojjettoota Gargaarsa Namoomaa fi Maddeen Waraanaa Mootummaa Itoophiyaa irraa dhimmicha qorachuun ajjeechaa kana eenyu, bifa kamiin akka raawwate mirkaneeffachuusaa ibse.
Ajjeechaan kun akka raawwatamuuf Ajajaa waraana Itoophiyaa tokko irraa ajajni darbuu qulqulleeffachuuf danda’eera jedhe New York Times. Loltoota booji’amanii Tigiraayi keessa jiran keessaa tokko haala guyyaa ajjeechaan kun itti raawwatamee wayita ibsu, Ajajaan isaanii kun bilbilaan “hunda isaaniiyyuu fixaa” ajaja jedhu dabarsuufii New York Times’f ibseera.
Hojjettoonni dhaabbata Hakiimota daangaa maleeyyii namoota waraana keessatti miidhaman gargaaruuf garasitti imalan kun, Hakiimota daangaa maleeyyii hojii gargaarsa namoomaaf deeman ta’uun osoo beekamuu, Konkolaataa Asxaa dhaabbatichaa qabu keessaa gadi yaasuun mataa isaanii duubaan akka qabatan taasifamee, rasaasaan bakka tokkotti ajjeefamuu gabaasni kun eereera.
Dhumaatiin hojjettoota MSF mudate kun Dhaaboleen gargaarsa namoomaa Tigiraayi seenanii dirqama isaanii bahuuf dhiibbaa humnaa olii jalatti kufuu isaanii addunyaaf kan mul’ise ture.
Gabaasa New York Times hordofee dhaabbanni Hakiimota daangaa maleeyyii mootummaan Itoophiyaa ajjeechaa loltoota isaatiin hojjettoota isaa irratti raawwatame irratti deebii akka kennuuf gaafateera.