Boorana Aanaa Eelwayyeetti Hongeen mudate Lubbuu Namaa galaafachaa jira.

Boorana Aanaa Eelwayyeetti Hongeen mudate Lubbuu Namaa galaafachaa jira.

(SQ-Bitootessa 20,2022)

Godina Booranaatti hongee bubbuleen namoonni beelarra bu’anii, lubbuun darbaa jiraachuun dhagahame.

Aanaa Eelwayyee Ganda Aadee Galchat Iddoo addaa Wayaam Galchat jedhamtu keesaatti qofa namooni saddeet beelarra bu’uun lubbuun darbuu dubbatu manguddoon Booranaa.

Hongeen akkuma bulaniin jabaachaa jiraachuu kan himan jiraattonni Aanaa Eelwayyee, namni dur margaafi bishaan barchaacha godaanu of ijibbaatee dhiisee qe’eetti dacha’e jedhan. Rooba waaqaa waan eeggachuu malee filannoo biraa dhabuu dubbatu.

Gargaarsi dhufaa jiru uummata beelaye wal gahaa hin jiru kan jedhan manguddoon Booranaa, gargaarsi midhaan nyaataa hatattamaan akka barbaachisu himu.

Hongee hamaan Godinichatti uumame, Loon hedduu fixuun hawaasa horsiisee bulaa harka qullaatti hambisaa jira. Yeroo amma immoo lubbuu namaa gaagahuutti ce’hee jiraachuun yaaddoo uumeera.

Itoophiyaa keessumaa Kibbaa fi Kibba Baha Oromiyaa akkasumas Naannoo Somaaleetti kan hammaate Hongeen baranaa, waggoota 40 darbaniif sadarkaa kanatti mul’atee kan hin beeknee ta’uu USAID dabalatee dhaaboleen garagaarsa namoomaa irra deddeebiin ibsaa turan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *